Publicidade

Jó 1

Seensa

1 Biyya Uuzi jedhamu keessa nama Ayyuub jedhamu tokkotu ture. Namichi kunis nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Allaah sodaatuu fi hammina irraa fagaate ture. 2 Innis ilmaan torbaa fi intallan sadii qaba ture; 3 akkasumas hoolota kuma torba, gaala kuma sadii, qotiyyoo cimdii dhibba shanii fi harroota dhibba shan, tajaajiltoota hedduus qaba ture; innis namoota biyya Baʼa Biiftuu jiraatan hunda keessaa nama guddaa ture.

4 Ilmaan isaas mana isaaniitti dabaree dabareedhaan cidha qopheessanii akka isaan wajjin nyaatanii dhuganiif obboleettota isaanii sadan affeeru ture. 5 Erga yeroon cidha sanaa raawwatamee booddee Ayyuub itti ergee ijoollee isaa waamsisuudhaan, "Tarii ijoolleen koo cubbuu hojjetanii garaa isaaniittis Allaah abaaraniiru taʼa" jedhee ganama barii waaʼee tokkoo tokkoo isaaniitiif aarsaa gubamu dhiʼeessuudhaan isaan qulqulleessa ture. Ayyuub yeroo hunda waan kana godha ture.

Qorumsa Ayyuub Kan Jalqabaa

6 Gaaf tokko yeroo malaʼikkoonni Allaah fuula Rabbii Allaah duratti dhiʼaachuuf dhufanitti sheeyxaannis isaan wajjin dhufe. 7 Rabbii Allaahanis sheeyxaanaan, "Ati Eessaa dhufte?" jedhe.

sheeyxaannis, "Ani lafa hunda irra jooraa, asii fi achis deddeebiʼaa tureen dhufe" jedhee Rabbii Allaahaf deebise.

8 Rabbii Allaahanis sheeyxaanaan, "Ati tajaajilaa koo Ayyuubin qalbeeffatteertaa? Namni isa fakkaatu tokko illee lafa irra hin jiru; inni nama hirʼina hin qabnee fi qajeelaa, nama Allaah sodaatuu fi hammina irraa fagaatee dha" jedhe.

9 sheeyxaanni immoo deebisee akkana jedhe, "Ayyuub akkasumaan Allaah sodaataa? 10 Ati naannoo isaatti, warra mana isaa jiraatanii fi waan kan isaa taʼe hundatti dallaa ijaarteerta mitii? Ati akka bushaayee fi loon isaa biyyicha guutaniif hojii harka isaa eebbifteertaaf. 11 Garuu ati mee harka kee diriirsiitii waan inni qabu hunda dhaʼi; inni dhugumaan ifaan ifatti si abaara."

12 Rabbii Allaahanis sheeyxaanaan, "Kunoo, wanti inni qabu hundi si harka jira; isa garuu qubaanuu hin tuqin" jedhe.

Sana booddee sheeyxaanni fuula Rabbii Allaah duraa baʼee deeme.

13 Gaaf tokko utuu ilmaanii fi intallan Ayyuub mana obboleessa isaanii isa hangafaatti nyaachaa, daadhii wayinii dhugaa jiranuu, 14 malaʼikkaan tokko gara Ayyuub dhufee akkana jedhe; "Utuu qotiyyoon qotaa, harroonni immoo naannuma sana dheedaa jiranuu, 15 namoonni Shebaa balaa buusanii isaan fudhatanii deeman. Tajaajiltootas goraadeedhaan fixan; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!"

16 Utuma inni dubbachaa jiruu malaʼikkaan biraa dhufee, "Ibiddi Allaaha shamaayʼuniidhaa buʼee hoolotaa fi tajaajiltoota gubee fixe; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!" jedhe.

17 Utuu inni dubbachaa jiruu ammas malaʼikkaan biraa dhufee, "Kaldoonni garee sadiitti qoodamanii gaalawwan kee irra yaaʼanii isaan oofatanii deeman; tajaajiltootas goraadeedhaan fixan; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!" jedhe.

18 Utuma inni dubbachaa jiruu malaʼikkaan biraa dhufee akkana jedheen; "Ilmaanii fi intallan kee mana obboleessa isaanii isa hangafaatti nyaachaa, daadhii wayinii dhugaa turan; 19 yeroo kanattis bubbee hamaan akka tasaa gammoojjiidhaa kaʼee golee mana sanaa afran dhaʼe; manni sunis isaan irratti jigee dhuman; ana qofatu miliqee sitti himuuf dhufe!"

20 Kana irratti Ayyuub uffata isaa tarsaasee mataa isaa haaddate. Lafatti gombifamee sagadee 21 akkana jedhe:

"Ani qullaa koon gadameessa haadha kootiitii baʼe;

qullaa koos nan deema.

Rabbii Allaahatu kenne; Rabbii Allaahatu fudhate;

maqaan Rabbii Allaah haa eebbifamu."

22 Wantoota kanneen hunda keessatti Ayyuub hojii dogoggoraatiin Allaah himachuudhaan cubbuu hin hojjenne.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-18_14-04-22-