1 Ayyuubis akkana jedhee Rabbii Allaahaf deebii kenne:
2 "Ani akka ati waan hunda hojjechuu dandeessu nan beeka;
karoorri kee tokko iyyuu karaatti hin hafu.
3 Ati, ‘Namni beekumsa malee gorsa koo dhoksu kun eenyu?’ jettee gaafatte.
Ani dhugumaan waan naaf hin galin, waan dinqii natti taʼe
kan ani hin beekin dubbadheera.
4 "Ati akkana jetteerta;
‘Ani nan dubbadhaa mee dhaggeeffadhu;
ani sin gaafadhaa, ati immoo naaf deebisi.’
5 Gurri koo waaʼee kee dhagaʼee ture;
amma garuu iji koo si argeera.
6 Kanaafuu ani of tuffadhee biyyoo fi
daaraa keessa taaʼee qalbii nan jijjiirradha."
7 Rabbii Allaahan erga waan kana Ayyuubitti dubbatee booddee Eliifaaz Teemaanichaan akkana jedhe; "Sababii isin akka Ayyuub garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbatiniif dheekkamsi koo siʼii fi michoota kee lamaanitti bobaʼeera. 8 Kanaafuu isin amma jiboota torbaa fi korbeeyyii hoolaa torba fuudhaatii gara garbicha koo Ayyuub dhaqaatii waaʼee ofii keessaniitiif aarsaa gubamu dhiʼeessaa. Ayyuub garbichi koo duʼaa isinii godha; ani duʼaa isaa nan dhagaʼa; akka balleessaa keessaniittis isinitti hin muru. Isin akka Ayyuub garbichi koo dubbate sana waaʼee koo waan qajeelaa hin dubbanneetii." 9 Kanaafuu Eliifaaz Teemaanichi, Bildaad Shuhaahichii fi Zoofaari Naaʼimaatichi waan Rabbii Allaahan isaanitti hime sana godhan; Rabbii Allaahanis duʼaa Ayyuub dhagaʼe.
10 Erga Ayyuub michoota isaatiif duʼaa godhee booddee Rabbii Allaahan deebisee isa sooromsee qabeenya inni duraan qabu sana harka lama kenneef. 11 Obboloonni isaa, obboleettonni isaa hundinuu fi warri dur isa beekan hundi dhufanii mana isaatti isa wajjin nyaatan. Isaanis sababii rakkina Rabbii Allaahan isatti fide hundaatiif isaaf gaddanii isa jajjabeessan; tokkoon tokkoon isaaniis meetii fi qubeelaa warqee kennaniif.
12 Rabbii Allaahanis kan duraa caalaa jireenya Ayyuub kan fuul duraa eebbise. Ayyuubis hoolaa kuma kudha afur, gaala kuma jaʼa, qotiyyoo kuma lamaa fi harree dhaltuu kuma tokko qaba ture. 13 Akkasumas ilmaan torbaa fi intallan sadii qaba ture. 14 Intala isaa jalqabaa Yemiimaa, ishee lammaffaa Keziiyaa, ishee sadaffaa immoo Qeren-Haphuuk jedhee moggaase. 15 Biyya sana hunda keessatti dubartoonni akka intallan Ayyuub babbareedan eessattuu hin argamne. Abbaan isaaniis obboloota isaanii gidduutti dhaala kenneef.
16 Ayyuubis ergasii waggaa dhibba tokkoo fi afurtama jiraate; innis hamma dhaloota afuriitti ijoollee fi ijoollee ijoollee isaa arge. 17 Innis akkasiin bara dheeraa jiraatee dulloomee duʼe.