1 Namni gorsa hamootaatiin hin deddeebine,
yookaan karaa cubbamootaa irra hin dhaabanne,
yookaan barcuma qoostotaa irra hin teenye, eebbifamaa dha.
2 Garuu inni seera Rabbii Allaahatti gammada;
seera isaas halkanii guyyaa irra deddeebiʼee itti yaada.
3 Inni akkuma muka qarqara bishaan yaaʼuu dhaabamee
yeroo isaatti ija isaa kennu,
kan baalli isaas hin coollagnee ti;
wanni inni hojjetu hundinuus ni tolaaf.
4 Hamoonni garuu akkana miti;
isaan akka habaqii qilleensi fudhatee balleessuu ti.
5 Kanaafuu hamoonni murtii dura,
yookaan cubbamoonni waldaa qajeeltotaa keessa hin dhaabatan.
6 Rabbii Allaahan karaa qajeeltotaa ni beekaatii;
karaan hamootaa garuu gara badiitti geessa.