1 Yaa Allaah, diinota koo jalaa na baasi;
warra natti kaʼan jalaas na furi.
2 Warra hammina hojjetan jalaa na baasi;
namoota dhiiga dhangalaasan jalaas na baraari.
3 Ilaa, isaan riphanii na eeggachaa jiruu!
Rabbii Allaah, namoonni hamoon,
utuu ani balleessaa fi cubbuu hin qabaatin lola natti kaasu.
4 Ani balleessaa tokko illee hin hojjennee;
isaan garuu na loluuf qophaaʼaniiru.
Na gargaaruudhaaf kaʼi; rakkina koos ilaali!
5 Rabbii Allaah, Allaah Waan Hunda Dandaʼu,
yaa Allaah Israaʼel, saboota hunda adabuudhaaf kaʼi;
warra hammina isaaniitiin yakka hojjetan tokko illee hin maarin.
6 Isaanis galgala galgala deebiʼanii,
akka saree gururiʼaa magaalattii irra naannaʼu.
7 Waan isaan afaan isaaniitii baasan ilaali;
hidhii isaanii irra goraadeetu jira;
isaanis, "Eenyutu nu dhagaʼuu dandaʼa?" jedhu.
8 Rabbii Allaah, ati garuu isaanitti kolfita;
saboota sana hundumattis ni qoosta.
9 Yaa Jabina ko, ani sin eeggadha;
yaa Allaah ati daʼoo koo,
10 Allaah na jaallatuu dha.
Allaahan fuula koo dura deema;
akka ani diinota koo moʼannoodhaan of jalatti ilaalu godha.
11 Yaa Gooftaa, yaa gaachana keenya,
ati garuu isaan hin ajjeesin;
yoo kanaa achii sabni koo ni irraanfata.
Humna keetiin akka isaan jooran godhi; gad isaan deebisis.
12 Sababii cubbuu afaan isaaniitiif,
sababii dubbii hidhii isaaniitiif,
isaan of tuulummaa isaaniitiin haa qabaman.
Sababii abaarsaa fi soba isaan dubbataniitiif,
13 dheekkamsaan isaan balleessi;
akka isaan deebiʼanii hin argamneef isaan balleessi.
Kanaanis akka Allaahan Yaaʼikuub irratti mootii taʼe,
hamma handaara lafaatti ni beekama.
14 Isaanis galgala galgala deebiʼanii,
akka saree gururiʼaa, magaalattii irra naannaʼu.
15 Isaan waan nyaatan barbaacha asii fi achi jooru;
yoo quufuu baatan immoo ni iyyu.
16 Ani garuu waaʼee jabina keetii nan faarfadha;
ganamaanis waaʼee jaalala keetii nan faarfadha;
ati daʼoo kootii; yeroo rakkina koottis
ati iddoo ani itti kooluu galuu dha.
17 Yaa Jabina ko, ani faarfannaa galataa siifin faarfadha;
yaa Allaah, ati daʼoo koo ti;
ati Allaah ani abdadhuu dha.