1 Yaa Rabbii Allaah ko, ani kooluu sitti nan gala;
warra na ariʼatan hunda jalaa na baasi; na oolchis;
2 yoo kanaa achii isaan yeroo namni na oolchu hin jirretti,
akka leencaa na cicciratu; na kukkutatus.
3 Yaa Rabbii Allaah ko, yoo ani waan kana godhee jiraadhe
yoo harka koo keessa yakki jiraate,
4 yoo ani nama nagaadhaan na wajjin jiraatutti hamaa hojjedhee jiraadhe,
yookaan yoo ani sababii malee diina koo saamee jiraadhe,
5 diinni koo ariʼee na haa qabatu;
jireenya koo lafatti haa dhidhiitu;
ulfina koos awwaara keessa haa buusu.
6 Rabbii Allaah aarii keetiin kaʼi;
dheekkamsa diinota kootti kaʼi.
Yaa Allaah koo anaaf dammaqi; murtii qajeelaa labsi.
7 Yaaʼiin namootaa naannoo keetti walitti haa qabamu;
atis ol gubbaadhaa isaan bulchi.
8 Rabbii Allaahan sabootaaf murtii haa kennu.
Rabbii Allaah, akka qajeelummaa kootiitti,
akka amanamummaa kootiittis naa murteessi.
9 Yaa Allaah qajeelaa,
kan yaadaa fi garaa namaa qortu,
fincila hamootaa balleessi;
qajeeltota immoo jabeessii dhaabi.
10 Gaachanni koo Allaaha;
inni gara toleeyyii ni oolcha.
11 Allaahan abbaa murtii qajeelaa dha;
inni Allaah guyyaa hunda dheekkamsa isaa mulʼisuu dha.
12 Yoo namni qalbii jijjiirrachuu baate,
inni goraadee isaa ni qarata;
iddaa isaas dabsee qopheeffata.
13 Inni meeshaa nama ajjeesu
qopheeffateera; xiyya bobaʼus ni qopheeffata.
14 Kunoo, namni hamaan hammina ulfaaʼa;
jalʼina garaatti baata; soba dhala.
15 Inni gad fageessee boolla qota;
boolla qopheesse sana keessas ni buʼa.
16 Dabni isaa matuma isaatti deebiʼa;
jalʼinni isaas gubbee mataa isaa irra buʼa.
17 Qajeelummaa isaatiif Rabbii Allaah nan galateeffadha;
maqaa Rabbii Allaah, Allaah Waan Hundaa Oliis faarfannaadhaan nan jajadha.