1 Haalleluuyaa.
Yaa tajaajiltoota Rabbii Allaaha, galata galchaa;
maqaa Rabbii Allaah jajadhaa.
2 Ammaa hamma bara baraatti
maqaan Rabbii Allaah haa eebbifamu.
3 Baʼa biiftuutii hamma lixa biiftuutti,
maqaan Rabbii Allaah haa jajamu.
4 Rabbii Allaahan saba hundaa ol jira;
ulfinni isaas shamaayʼuniiwwanii ol.
5 Kan akka Rabbii Allaah keenya
isa gubbaa teessoo isaa irra taaʼu sanaa eenyu?
6 Kan gad jedhee
shamaayʼunii fi lafa ilaalu eenyu?
7 Inni hiyyeessa awwaara keessaa ni kaasa;
rakkataas tuulaa daaraa keessaa ol fuudha;
8 inni bulchitoota gidduu,
bulchitoota saba isaa gidduus isaan teessisa.
9 Inni akkuma haadha ijoollee kan gammachuudhaan jiraattuutti,
dubartii maseena mana ishee keessa ni jiraachisa.
Haalleluuyaa.