Pular para o conteúdo
Publicidade

Zabuuriiwwan 70

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawudi.

1 Yaa Allaah, na fayyisuuf ariifadhu;

yaa Rabbii Allaah, na gargaaruuf dafii kottu.

2 Warri lubbuu koo galaafachuu barbaadan

hundinuu, haa qaanaʼan; haa burjaajaʼanis;

warri badii koo hawwan hundi

qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.

3 Warri, "Baga! Baga!" anaan jedhan

qaanaʼanii duubatti haa deebiʼan.

4 Warri si barbaadan hundinuu garuu

sitti gammadanii haa ililchan;

warri fayyisuu kee jaallatan,

yeroo hunda, "Allaahan guddaa dha!" haa jedhan.

5 Ani garuu hiyyeessaa fi rakkataa dha;

yaa Allaah, dafii na qaqqabi.

Ati gargaaraa koo fi fayyisaa koo ti;

yaa Rabbii Allaah hin turin.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também