Publicidade

Salmos 125

Zabuurii ol baʼuu.

1 Warri Rabbii Allaah amanatan akka Tulluu Xiyoon

kan hin raafamne, kan bara baraan jiraatu sanaa ti.

2 Akkuma tulluuwwan Yerusaalemin marsan sana,

Rabbii Allaahan ammaa jalqabee hamma bara baraatti,

saba isaa ni marsa.

3 Akka qajeeltonni jalʼina hojjechuuf

harka isaanii ol hin diriirfanneef,

bokkuun hamootaa lafa qajeeltotaaf

ixaadhaan qoodame irra hin jiraatu.

4 Rabbii Allaah, warra gaariif,

warra garaa isaaniitiin toloota taʼaniifis waan gaarii godhi.

5 Warra karaa micciiramaatti garagalan garuu,

Rabbii Allaahan akkuma warra hammina hojjetan balleessu jaras ni balleessa.

Nagaan Israaʼeliif haa taʼu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-