Publicidade

Salmos 50

Zabuurii Asaaf.

1 Rabbii Allaahan, Humna Qabeessi dubbatee

baʼa biiftuutii jalqabee hamma lixa biiftuutti

lafa waameera.

2 Xiyoon ishee miidhaginni ishee

hirʼina hin qabne irraa Allaahan ni ibsa.

3 Allaahan keenya ni dhufa; hin calʼisus;

ibiddi hamaan fuula isaa dura,

bubbeen jabaanis naannoo isaa jira.

4 Inni saba isaatti muruuf jedhee,

shamaayʼuniiwwan oliitii fi lafa akkana jedhee ni waama:

5 "Qulqulloota koo warra aarsaadhaan na wajjin kakuu galan,

gara kootti walitti naa qabaa."

6 Shamaayʼuniiwwan qajeelummaa isaa ni labsu;

Allaahan mataan isaa abbaa murtiitii.

7 "Yaa saba ko, nan dubbadhaatii dhagaʼi;

yaa Israaʼel, ani dhugaa sitti nan baʼa:

Ani Allaahan Allaah kee ti.

8 Ani aarsaa keetiif sitti hin dheekkamu;

aarsaan kee inni gubamu yeroo hunda fuula koo dura jira.

9 Ani dallaa kee keessaa korma,

yookaan karra kee keessaa korbeessa reʼee hin barbaadu.

10 Bineensi bosonaa hundinuu,

horiin tulluu kuma irratti bobbaʼus kan kootii.

11 Ani simbirroota tulluuwwan irraa hunda beeka;

wanni lafa irra sosochoʼu hundinuus kan koo ti.

12 Ani utuun beelaʼee iyyuu sitti hin himadhu ture;

addunyaa fi wanni ishee keessa jiru hundi kanuma kootii.

13 Ani foon korommii nan nyaadhaa?

Yookaan dhiiga reʼootaa nan dhugaa?

14 "Aarsaa galataa Allaahaf dhiʼeessi; wareega kee illee

Allaah Waan Hundaa Oliitiif galchi;

15 guyyaa rakkinaa na waammadhu;

ani sin oolchaa; atis ulfina naa kennita."

16 Allaahan garuu nama hamaadhaan akkana jedha:

"Ati seera koo labsuudhaaf,

kakuu koos afaan keetiin dubbachuudhaaf mirga maalii qabda?

17 Ati adaba koo ni jibbita;

dubbii koos of duubatti gatta.

18 Ati yoo hattuu argite isa michuu godhatta;

ejjitoota wajjinis qooda qabaatta.

19 Ati afaan kee waan hamaa dubbachuuf itti fayyadamta;

arraba kees gowwoomsaadhaaf dheereffatta.

20 Ati teessee obboleessa kee hamatta;

ilma haadha kee maqaa balleessita.

21 Ati waan kana hunda hojjetteerta; ani immoo inuma calʼise;

ati akkuma ofii keetii na seete.

Amma garuu ani sin ifadha;

ifatti baasees sin himadha.

22 "Isin warri Allaah irraanfattan waan kana hubadhaa;

yoo kanaa achii ani isin nan ciccira;

namni isin oolchu tokko iyyuu hin jiru.

23 Namni aarsaa galataa dhiʼeessu ulfina naa kenna;

anis warra hirʼina hin qabnetti fayyisuu Allaaha nan argisiisa."

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-