Publicidade

Salmos 69

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Yeedaloo "Daraaraatiin." Zabuurii Daawud.

1 Yaa Allaah, ati na baasi;

bishaan ol dhufee morma na gaʼeeraatii.

2 Ani raaree keessa, lafa iddoon miilla dhaabatan

hin jirre keessa seeneera.

Ani tuujuba bishaanii keessa seeneera;

lolaanis narra garagaleera.

3 Ani iyyuudhaan dadhabeera;

laagaan koo babbaqaqeera;

iji koo, Allaah koo eeggachuudhaan dadhabeera.

4 Warri lafumaa kaʼanii na jibban

rifeensa mataa kootii caalaa baayʼatu;

warri na ajjeesuu barbaadan,

warri akkasumaan diina koo taʼan baayʼee dha.

Ani akkan waan hin hatin

deebisu dirqameera.

5 Yaa Allaah, ati gowwummaa koo ni beekta;

yakki koos si duraa hin dhokatu.

6 Yaa Gooftaa, Rabbii Allaah Waan Hunda Dandeessu,

warri abdii sirra kaaʼatan,

sababii kootiif hin qaanaʼin;

yaa Allaah Israaʼel, warri si barbaadan,

sababii kootiif hin qaaneffamin.

7 Ani siif jedhee tuffii obseeraatii;

qaaniinis fuula koo haguugeera.

8 Ani obboloota kootti keessummaa,

ilmaan haadha kootiittis alagaa dha;

9 Hinaaffaan mana keetii na guggubeeraatii;

arrabsoon warra si arrabsaniis narra buʼeera.

10 Booʼuu fi soomuun koo,

arrabsoo natti taʼe.

11 Yommuu ani wayyaa gaddaa uffadhetti,

namoonni natti qoosu.

12 Warri karra dura tataaʼan natti qoosu;

machooftonnis waaʼee kootiin sirbu.

13 Ani garuu yaa Rabbii Allaah,

yeroo ati filattutti si duratti duʼaa ni godhadha;

yaa Allaah, jaalala kee guddichaan

fayyina kee kan dhugaatiinis deebii naaf kenni.

14 Akka ani hin liqimfamneef,

raaree keessaa na baasi;

warra na jibban jalaa,

bishaanota gad fagoo keessaas na baasi.

15 Ati akka lolaan na hin fudhanne,

akka tuujubni na hin liqimsine,

akka boollis afaan isaa natti hin cufanne godhi.

16 Rabbii Allaah, gaarummaa jaalala keetiitiin deebii naaf kenni;

araara kee guddichaanis natti garagali.

17 Fuula kee tajaajilaa kee duraa hin dhokfatin;

waan ani rakkina keessa jiruuf dafiitii deebii naaf kenni.

18 Natti dhiʼaadhuutii na furi;

xiiqii diinota kootiif jedhii na baasi.

19 Ati akka ani hammam tuffatamee,

salphifamee fi akka ani qaaneffame ni beekta;

diinonni koo hundinuus fuula koo dura jiru.

20 Arrabsoon garaa koo cabse;

anis abdii kutadheera.

Ani nama garaa naaf laafu nan barbaade; garuu nan dhabe;

nama na jajjabeessus nan barbaade; garuu tokko illee hin arganne.

21 Nyaata kootti hadhooftuu makan;

akka ani dhuguuf immoo waan dhangaggaaʼaa naa kennan.

22 Maaddiin isaanii iddaa isaanitti haa taʼu;

adabaa fi kiyyoo isaanitti haa taʼu.

23 Akka arguu hin dandeenyeef iji isaanii haa haguuggamu;

dugdi isaaniis bara baraan haa goophatu.

24 Dheekkamsa kee isaan irratti dhangalaasi;

aariin kee bobaʼaan sunis isaan irra haa buʼu.

25 Qeʼeen isaanii haa onu;

namni dunkaana isaanii keessa jiraatu tokko iyyuu hin hafin.

26 Isaan warra ati madeessite sana ni ariʼatuutii;

waaʼee dhukkubbii warra ati miite sanaas ni odeessu.

27 Yakka irratti yakka isaanitti dabali;

isaan gara qajeelumma keetii hin dhufin.

28 Maqaan isaanii kitaaba jireenyaa keessaa haa haqamu;

qajeeltota wajjinis hin galmeeffamin.

29 Ani garuu dhiphinaa fi rakkina keessan jira;

yaa Allaah, fayyinni kee ol na haa qabu.

30 Ani faarfannaadhaan maqaa Allaaha nan galateeffadha;

galataanis ulfina nan kennaaf.

31 Kunis sangaa caalaa, korma gaanfaa fi

kottee qabu dhiʼeessuu caalaa Rabbii Allaah gammachiisa.

32 Hiyyeeyyiin waan kana arganii ni gammadu;

isin warri Allaah barbaaddan garaan keessan jiraata haa taʼu!

33 Rabbii Allaahan rakkattoota ni dhagaʼa;

namoota isaa warra hidhamanis hin tuffatu.

34 Shamaayʼunii fi lafti, galaanonnii fi

wanni isaan keessa jiraatan hundinuu isa haa leellissan.

35 Allaahan Xiyoonin ni fayyisaatii;

magaalaawwan Yihuudaas deebisee ni ijaara.

Sabni isaas achi qubata; ni dhaalas.

36 Sanyiin tajaajiltoota isaa magaalattii ni dhaalu;

warri maqaa isaa jaallatanis achi jiraatu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-