Publicidade

Salmos 111

1 Haalleluuyaa.

Ani waldaa tolootaatii fi wal gaʼii keessatti,

garaa koo guutuudhaan Rabbii Allaah nan galateeffadha.

2 Hojiiwwan Rabbii Allaah gurguddaa dha;

warri itti gammadan hundinuus irra deddeebiʼanii yaadan.

3 Hojiin isaa surra qabeessaa fi kabajamaa dha;

qajeelummaan isaas bara baraan jiraata.

4 Inni akka dinqiin isaa yaadatamu godheera;

Rabbii Allaahan arjaa fi gara laafessa.

5 Inni warra isa sodaataniif nyaata kenna;

kakuu isaas bara baraan ni yaadata.

6 Lafa saboota kaanii isaaniif

kennuudhaan humna hojii isaa saba isaatti mulʼiseera.

7 Hojiin harka isaa amanamaa fi qajeelaa dha;

ajajni isaa hundinuus amanamaa dha.

8 Isaanis bara baraa hamma bara baraatti jabaatanii dhaabatu;

amanamummaa fi qajeelummaadhaanis hojjetamu.

9 Inni saba isaatiif furii ergeera;

kakuu isaas bara baraan ajajeera;

maqaan isaa qulqulluu fi sodaachisaa dha.

10 Rabbii Allaah sodaachuun jalqaba ogummaa ti;

warri sirna isaa faana buʼan hundinuu hubannaa gaarii qabu.

Galanni isaa bara baraan jiraata.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-