Publicidade

Salmos 101

Zabuurii Daawud.

1 Ani jaalala keetii fi murtii kee qajeelaa sanaaf nan faarfadha;

Rabbii Allaah ani siif nan faarfadha.

2 Ani jireenya hirʼina hin qabne jiraachuuf of nan eeggadha;

ati yoom gara koo dhufta?

Ani garaa qulqulluudhaan,

mana koo nan jiraadha.

3 Ani ija koo dura,

waan hamaa hin kaaʼu.

Hojii jalʼootaa nan jibba;

nattis hin qabatu.

4 Namoonni yaada micciiramaa qaban narraa haa fagaatan;

ani jalʼina wajjin tokkummaa hin qabaadhu.

5 Nama dhoksaan ollaa isaa hamatu kam iyyuu,

ani afaan nan qabachiisa;

nama tuffiin nama ilaaluu fi kan garaa of tuulu qabuuf,

ani obsa hin qabaadhu.

6 Akka isaan na wajjin jiraataniif,

iji koo amanamoota biyyattii irra jiraatti;

namni karaa qajeelaa irra deemu, inni na tajaajila.

7 Namni nama gowwoomsu tokko iyyuu

mana koo keessa hin jiraatu;

namni soba dubbatu tokko iyyuu

fuula koo dura hin dhaabatu.

8 Ani jalʼoota biyyattii hunda,

ganama ganama nan barbadeessa;

warra waan hamaa hojjetan

magaalaa Rabbii Allaah keessaa nan balleessa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-