Publicidade

Salmos 75

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Yeedaloo, "Hin balleessin" jedhuun faarfatame. Zabuurii Asaaf.

1 Yaa Allaah, nu si galateeffanna;

sababii Maqaan kee dhiʼoo taʼeef galata siif galchina;

namoonni waaʼee dinqii hojii keetii odeessu.

2 Ati akkana jetta; "Ani yeroo murteeffame nan filadha;

kan qajeelummaadhaan muru ana.

3 Yommuu laftii fi sabni ishee hundi raafamanitti,

kan utubaa ishee jabeessee qabu ana.

4 Ani of tuultotaan akkana nan jedha; ‘Of hin jajinaa.’

Hamootaanis, ‘Gaanfa keessan ol hin qabatinaa.

5 Gaanfa keessan shamaayʼuniitti hin kaasinaa;

morma keessan dheereffattanii hin dubbatinaa.’ "

6 Ulfinni baʼa biiftuutii yookaan lixa biiftuutii

yookaan lafa onaatii hin dhufuutii.

7 Garuu kan murtii kennu Allaaha;

inni nama tokko gad buusa; kaan immoo ol baasa.

8 Harka Rabbii Allaah keessa,

xoofoo wayinii urgooftuudhaan walitti makame

kan hoomachaan guutame tokkotu jira;

inni wayinii sana gad naqa;

hamoonni lafaa hundinuu utuu siicoo isaa illee hin hambisin xuruurfatanii dhugu.

9 Ani garuu bara baraan waan kana nan labsa;

Allaah Yaaʼikuubis nan faarfadha.

10 Gaanfa hamoota hundaa nan caccabsa;

gaanfi qajeeltotaa garuu ol ol jedha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-