Pular para o conteúdo
Publicidade

Zabuuriiwwan 87

Zabuurii Ilmaan Qooraahi.

1 Hundeen magaalaa isaa tulluu qulqulluu irra jira.

2 Rabbii Allaahan iddoo jireenya Yaaʼikuub hunda caalaa,

karrawwan Xiyoon jaallata.

3 Yaa magaalaa Allaaha,

waaʼee keetiif wanni kabajamaan akkana jedhamee ni dubbatama:

4 "Ani Raʼaabii fi Baabilonin

warra na beekan gidduutti maqaa nan dhaʼa;

kunoo, Filisxeemii fi Xiiroos Itoophiyaa wajjin,

Namichi kun achitti dhalatejedhu."

5 Dhugumaan waaʼee Xiyoon,

"Inni kunii fi inni sun ishee keessatti dhalatan;

Allaahan Waan Hunda Olii mataan isaa iyyuu ishee dhaaba" jedhama.

6 Rabbii Allaahan yeroo saboota galmeessutti,

"Namichi kun achitti dhalate" jedhee barreessa.

7 Warri faarfatanii fi warri meeshaa muuziiqaa taphatan,

"Burqaan koo hundi si keessatti argama" jedhu.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também