1 Haalleluuyaa.
Zabuurii haaraa Rabbii Allaahaf faarfadhaa;
waldaa qulqullootaa keessatti illee isa jajadhaa.
2 Israaʼel Uumaa isaatti haa gammadu;
sabni Xiyoon Mootii isaatti haa gammadu.
3 Maqaa isaas shuubbisuudhaan haa jajatu;
dibbee fi baganaadhaan isaaf haa faarfatu.
4 Rabbii Allaahan saba isaatti ni gammadaatii;
warra gad of qabanis fayyina gonfachiisa.
5 Qulqulloonni ulfina kanatti haa gammadan;
siree isaanii irrattis gammachuudhaan haa faarfatan.
6 Galanni Allaaha afaan isaanii keessa haa jiraatu;
goraadeen afaan lamaas harka isaanii keessa haa jiraattu;
7 kunis sabootatti haaloo baʼuu fi
namoota adabuudhaaf;
8 mootota isaanii foncaan,
hangafoota isaaniis funyoo sibiilaatiin hidhuudhaaf,
9 murtii barreeffame sana isaan irratti dhugaa baʼuudhaaf.
Kunis amanamtoota isaa hundaaf ulfina.
Haalleluuyaa.