Publicidade

Salmos 97

1 Rabbii Allaahan moʼeera; lafti haa gammaddu;

biyyoonni qarqara galaanaa hedduunis haa ililchan.

2 Duumessaa fi dukkanni limixiin isa marsaniiru;

qajeelummaa fi murtii qajeelaan hundee teessoo isaa ti.

3 Ibiddi fuula isaa dura deemee

diinota isaa naannoo isaatii fixa.

4 Balaqqeen isaa addunyaa ibsa;

laftis argitee hollatti.

5 Tulluuwwan fuula Rabbii Allaah duratti,

fuula Gooftaa lafa hundumaa durattis akkuma gagaa baqu.

6 Shamaayʼuniiwwan qajeelummaa isaa labsu;

saboonni hundinuus ulfina isaa argu.

7 Warri fakkii waaqeffatan,

kanneen waaqeffatamtoota tolfamoon of jajan hundi haa qaaneffaman;

isin waaqeffatamtoonni hundinuus isa waaqeffadhaa!

8 Rabbii Allaah, sababii murtii keetiitiif,

Xiyoon dhageessee ililchiti;

gandoonni Yihuudaas ni gammadu.

9 Rabbii Allaah, ati lafa hundumaa irratti Allaah Waan Hundaa Olii ti;

ati waaqeffatamtoota hundumaa irra akka malee ol ol jetteerta.

10 Sababii inni lubbuu amanamoota isaa eegee,

harka hamootaa jalaa isaan baasuuf,

warri Rabbii Allaah jaallatan hammina haa jibban.

11 Qajeeltota irratti ifni ni ifa;

gara tolootaafis gammachuun ni dhufa.

12 Isin qajeeltonni Rabbii Allaahatti gammadaa;

maqaa isaa qulqulluus galateeffadhaa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-