Publicidade

Salmos 88

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Ilmaan Qooraahi kan maahilaati liinootiin Faarfatame. Maskiilii Heemaan Izraahichaa.

1 Rabbii Allaah, Allaah na fayyiftu,

ani halkanii fi guyyaa fuula kee duratti nan iyyadha.

2 Duʼaan koo fuula kee duratti haa dhiʼaatu;

atis gurra kee gara iyyannaa kootiitti qabi.

3 Lubbuun koo rakkinaan guutamteertii;

jireenyi koos qabriitti dhiʼaateera.

4 Ani warra boolla keessa buʼanitti nan lakkaaʼame;

akka nama humna hin qabnees nan taʼe.

5 Ani akka nama gorraʼamee qabrii keessa ciisuutti,

akka nama ati deebitee hin yaadanneetti,

akka warra eegumsa kee jalaa baʼaniitti,

warra duʼan wajjin gatameera.

6 Ati boolla gad fagoo keessa,

dukkana hamaa keessas na buufteerta.

7 Dheekkamsi kee ulfaatee narra ciiseera;

dambalii kee hundas narra garagalchiteerta.

8 Michoota koo narraa fageessiteerta;

isaan biratti jibbamaa na gooteerta;

akka ani jalaa hin baanettis balballi natti cufameera.

9 Iji koo gaddaan dadhabeera.

Rabbii Allaah, ani guyyuma guyyaan sin waammadha;

harka koo illee gara keetti nan balʼifadha.

10 Ati dinqii kee warra duʼanitti ni argisiiftaa?

Warri duʼanis kaʼanii si galateeffatuu?

11 Jaalalli kee qabrii keessatti,

amanamummaan kee immoo Qilee keessatti ni labsamaa?

12 Dinqiiwwan kee dukkana keessatti,

yookaan qajeelummaan kee biyya irraanfannaa keessatti ni beekamaa?

13 Rabbii Allaah, ani garuu akka ati na gargaartuuf gara keetti nan iyyadha;

ganamaanis duʼaan koo fuula kee duratti ni dhiʼaata.

14 Rabbii Allaah, ati maaliif na gatta?

Fuula kees maaliif na duraa dhokfatta?

15 Ani ijoollummaa kootii jalqabee rakkadhee duʼuu gaʼeen ture;

naasisuun kee na dhiphiseera; abdiis kutadheera.

16 Dheekkamsi kee narra yaaʼe;

naasisuun kees na balleesseera.

17 Isaan guyyaa guutuu akkuma lolaa bishaanii na marsu;

guutumaan guutuuttis na liqimsaniiru.

18 Michoota koo fi warra na jaallatan narraa fudhatteerta;

dukkana qofatu michuu naa taʼe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-