1 Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.
2 Warri Rabbii Allaahan isaan fure,
warri inni harka diinaatii baase,
3 warri inni biyya gara garaatii,
baʼaa fi lixa biiftuutii, kaabaa fi kibbaa walitti qabe waan kana haa dubbatan.
4 Isaan keessaa tokko tokko gammoojjii goggogaa keessa jooran;
magaalaa keessa jiraachuu dandaʼanis hin arganne.
5 Isaan ni beelaʼan; ni dheebotanis;
lubbuun isaaniis isaan keessatti gaggabde.
6 Isaan rakkina isaanii keessatti Rabbii Allaahatti iyyatan;
innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
7 Inni hamma isaan magaalaa keessa jiraachuu dandaʼan gaʼanitti
karaa qajeelaa irra isaan qajeelche.
8 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi
hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Rabbii Allaah haa galateeffatan;
9 inni warra dheebotan dheebuu baasee
warra beelaʼan illee waan gaariidhaan quufsaatii.
10 Isaan keessaas tokko tokko sibiilaan hidhamanii rakkachaa,
dukkanaa fi dimimmisa keessa jiraatan;
11 isaan dubbii Allaahatti fincilanii
gorsa Allaah Waan Hundaa Oliis tuffataniiruutii.
12 Kanaafuu inni dabarsee hojii dadhabsiisaatti isaan kenne;
isaanis ni gufatan; namni isaan gargaaru tokko iyyuu hin argamne.
13 Isaan rakkina isaanii keessatti Rabbii Allaahatti iyyatan;
innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
14 Inni dukkanaa fi dimimmisa keessaa isaan baase;
foncaa isaanis gargar kukkute.
15 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi
hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Rabbii Allaah haa galateeffatan;
16 inni balbalawwan naasii caccabsee
danqaraawwan sibiilaa illee kukkutaatii.
17 Isaan keessaa tokko tokko cubbuu mataa isaaniitiin gowwooman;
sababii balleessaa isaaniitiifis gadadoo keessa seenan.
18 Isaan nyaata gosa kamii iyyuu balfanii
afaan boolla duʼaa gaʼan.
19 Rakkina isaanii keessatti Rabbii Allaahatti iyyatan;
innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
20 Inni dubbii isaa ergee isaan fayyise;
qabrii keessaas isaan baase.
21 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi
hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif, Rabbii Allaah haa galateeffatan!
22 Aarsaa galataa haa dhiʼeessan;
faarfannaa gammachuutiinis hojii isaa haa himan.
23 Isaan keessaa tokko tokko dooniidhaan galaana irra deemanii
bishaanota gurguddaa irratti daldalan.
24 Isaanis hojii Rabbii Allaahatii fi
hojii isaa dinqisiisaa sana tuujuba keessatti argan.
25 Inni dubbatee bubbee jabaa
dambalii galaanaa ol fuudhu tokko kaaseeraatii.
26 Isaan shamaayʼuniitti ol baʼanii tuujubatti gad buʼan;
rakkina isaanii keessattis abdii kutatan.
27 Akka nama machaaʼee daddarbatamanii gatantaran
ogummaan isaanis faayidaa dhabe.
28 Isaan rakkina isaanii keessatti Rabbii Allaahatti iyyatan;
innis dhiphina isaanii keessaa isaan baase.
29 Inni akka dambaliin sun qabbanaaʼuuf
dhaʼaa galaanaa calʼisiise.
30 Isaan waan dambalii fi dhaʼaan galaanaa sun calʼisaniif ni gammadan;
haala kanaanis gara qubata doonii barbaadaniitti isaan geesse.
31 Isaan sababii jaalala isaa kan hin geeddaramne sanaatii fi
hojii dinqii kan inni ilmaan namaatiif hojjete sanaatiif Rabbii Allaah haa galateeffatan.
32 Waldaa namootaa keessatti isa haa leellisan;
wal gaʼii maanguddootaa keessattis isa haa jajan.
33 Innis lagoota gammoojjii taasisee
burqaawwan bishaanis gara lafa goggogaatti geeddare;
34 sababii hammina warra achi jiraataniitiif,
biyya midhaan baasu lafa soogiddaa taasise.
35 Gammoojjii kuusaa bishaaniitti,
lafa goggogaa immoo burqaa bishaaniitti geeddare;
36 inni akka warri beelaʼan achi jiraatan godhe;
isaanis magaalaa keessa jiraatan ijaarratan.
37 Lafa qotiisaa isaanii facaafatanii wayiniis ni dhaabbatan;
midhaan gaariis argatan.
38 Inni isaan eebbise; baayʼina isaaniis akka malee dabale;
akka loon isaanii lakkoobsaan yarachaa deeman hin goone.
39 Yeroo isaan cunqursaadhaan, rakkinaa fi
gaddaan xinnaatanii gad deebiʼanitti,
40 inni namoota bebeekamoo irratti tuffii roobsee
akka isaan gammoojjii karaa hin qabne keessa jooran godhe.
41 Inni garuu rakkattoota dhiphina isaanii keessaa baase;
maatii isaanis akkuma bushaayee baayʼise.
42 Qajeeltonni waan kana arganii ililchu;
hamoonni hundinuu garuu afaan qabatu.
43 Ogeessi kam iyyuu waan kana yaadatti haa qabatu;
jaalala Rabbii Allaah kan dhuma hin qabne sana illee haa hubatu.