1 Ani yeroo hunda Rabbii Allaah nan eebbisa;
galanni isaas yeroo hunda afaanii na hin buʼu.
2 Lubbuun koo Rabbii Allaahan boonti;
cunqurfamtoonni dhagaʼanii haa gammadan.
3 Na wajjin Rabbii Allaahaf ulfina kennaa;
kottaa walii wajjin maqaa isaa ol kaafnaa.
4 Rabbii Allaah nan barbaaddadhe; innis deebii naa kenne;
sodaa koo hunda keessaas na baase.
5 Warri gara isaa ilaalan ni ifu;
fuulli isaaniis yoom iyyuu hin qaanaʼu.
6 Hiyyeessi kun ni iyye; Rabbii Allaahanis isa dhagaʼe;
rakkina isaa hundumaa keessaas isa baase.
7 Malaʼikkaan Rabbii Allaah naannoo warra Allaah sodaatanii
ni qubata; isaan ni oolchas.
8 Akka Rabbii Allaahan gaarii taʼe mee miʼeeffadhaa ilaalaa;
namni isatti kooluu galu eebbifamaa dha.
9 Isin qulqulloonni isaa Rabbii Allaah sodaadhaa;
warri isa sodaatan homaa hin dhabaniitii.
10 Leenci saafelli iyyuu waa ni dhaba; ni beelaʼas;
namni Rabbii Allaah barbaaddatu garuu waan gaarii tokko illee hin dhabu.
11 Yaa ijoollee ko, kottaa na dhagaʼaa;
anis Rabbii Allaah sodaachuu isinan barsiisa.
12 Namni jireenya jaallatu, kan bara gaarii arguudhaafis
bara baayʼee hawwu eenyu?
13 Arraba kee waan hamaa irraa,
afaan kees soba dubbachuu irraa eeggadhu.
14 Hammina irraa deebiʼi; gaarii hojjedhu;
nagaa barbaadi; duukaa buʼis.
15 Iji Rabbii Allaah qajeeltota irra jira;
gurri isaas iyya isaaniitiif banamaa dha;
16 yaadannoo isaanii lafa irraa balleessuudhaaf,
fuulli Rabbii Allaah warra hamaa hojjetanitti ni hammaata.
17 Qajeeltonni gargaarsaaf iyyatu; Rabbii Allaahanis isaan dhagaʼa.
Rakkina isaanii hunda keessaas isaan baasa.
18 Rabbii Allaahan warra garaan isaanii cabetti dhiʼoo dha;
warra abdii kutatanis ni fayyisa.
19 Rakkinni nama qajeelaa baayʼee dha;
Rabbii Allaahan garuu hunda isaa jalaa isa baasa;
20 lafee isaa hunda ni eega;
isaan keessaas tokko illee hin cabu.
21 Hamoota hamminatu ajjeesa;
warra nama qajeelaa jibbanitti ni murteeffama.
22 Rabbii Allaahan lubbuu tajaajiltoota isaa ni fura;
warra isatti kooluu galan keessaa tokkotti illee hin murteeffamu.