Publicidade

Salmos 108

Zabuurii Daawud.

1 Yaa Allaah, garaan koo hin raafamu; ani nan faarfadha;

lubbuu koo guutuudhaanis sin galateeffadha.

2 Yaa kiraaraa fi baganaa dammaqaa!

Anis ganamaan nan dammaqa.

3 Rabbii Allaah, ani saboota gidduutti galata siif nan galcha;

namoota gidduuttis waaʼee kee nan faarfadha.

4 Jaalalli kee guddaa dha; shamaayʼuniiwwanis caalaa ol dheeraadhaatii;

amanamummaan kees shamaayʼuniiwwan qaqqaba.

5 Yaa Allaah, ati shamaayʼuniiwwaniin olitti ol ol jedhi;

ulfinni kees lafa hunda irra haa jiraatu.

6 Akka warri ati jaallattu furamaniif,

harka kee mirgaatiin nu oolchi; nu gargaaris;

7 Allaahan iddoo qulqullummaa isaatii akkana jedhee dubbateera:

"Ani gammachuudhaan Sheekemin gargar nan qooda;

Sulula Sukootis nan safara.

8 Giliʼaad kan koo ti; Minaaseenis kan koo ti;

Efreem gonfoo sibiilaa koo ti;

Yihuudaanis bokkuu mootummaa koo ti.

9 Moʼaab caabii dhiqannaa koo ti;

Edoom irra kophee koo darbadhee nan buusa;

Filisxeem irrattis moʼannaadhaan nan geerara."

10 Eenyutu magaalaa jabeeffamtee ijaaramtetti na fida?

Eenyutu Edoomitti na geessa?

11 Yaa Allaah kan nu gatte,

kan loltoota keenya wajjin baʼuu diddes suma mitii?

12 Diina keenya of irraa dhowwuu nu gargaar,

gargaarsi namaa faayidaa hin qabuutii.

13 Nu Allaah wajjin ni moʼanna;

innis diinota keenya gad dhidhiita.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-