Publicidade

Salmos 30

Zabuurii eebba mana qulqullummaatiif Faarfatame. Zabuurii Daawud.

1 Rabbii Allaah, sababii ati ol na fuutee

akka diinonni koo natti hin gammanne gooteef,

ani sin jajadha.

2 Yaa Rabbii Allaah ko,

ani gargaarsaaf sin waammadhe; atis na fayyifte.

3 Rabbii Allaah, ati lubbuu koo siiʼoolii baafte;

akka ani boolla hin buune gootees na jiraachifte.

4 Isin qulqulloonni isaa, faarfannaadhaan Rabbii Allaah jajadhaa;

maqaa isaa qulqulluu sanaafis galata galchaa.

5 Dheekkamsi isaa hamma liphsuu ijaa ti;

gaarummaan isaa immoo bara jireenyaa guutuudhaaf tura;

booʼichi galgala tokko qofaaf tura;

ganama garuu ililleetu taʼa.

6 Anis yommuun nagaa argadhetti,

"Ani gonkumaa hin raafamu" nan jedhe.

7 Rabbii Allaah, ati jaalala keetiin

akka tulluu jabaatti na dhaabde;

yeroo ati fuula kee na duraa dhoksitetti garuu

naasuutu na qabate.

8 Rabbii Allaah, ani sin waammadha;

ani gara Gooftaatti akkana jedhee araaraaf nan iyyadha:

9 "Duʼuu koo keessaa, boolla buʼuu koo keessaas

faayidaa maaliitu argama?

Biyyoon si galateeffataa?

Amanamummaa kees ni odeessaa?

10 Rabbii Allaah na dhagaʼi; na maaris;

Rabbii Allaah, gargaarsa naa taʼi."

11 Ati booʼicha koo shuubbisuutti geeddarte;

wayyaa gaddaa narraa baaftee gammachuu natti uwwifte;

12 kunis akka lubbuun koo faarfannaadhaan si jajattuu fi akka isheen hin calʼisneefii dha.

Yaa Rabbii Allaah ko, ani bara baraan sin galateeffadha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-