Pular para o conteúdo
Publicidade

Zabuuriiwwan 14

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

1 Gowwaan garaa isaatti,

"Allaahan hin jiru" jedha.

Isaan xuraaʼaniiru; hojiin isaaniis jibbisiisaa dha;

namni waan gaarii hojjetu tokko iyyuu hin jiru.

2 Rabbii Allaahan yoo namni waa hubatu,

kan Allaahas barbaadu, tokko iyyuu jiraate arguuf jedhee,

shamaayʼun irraa ilmaan namootaa gad ilaala.

3 Hundinuu dogoggoraniiru; hundi isaaniis xuraaʼaniiru;

namni waan gaarii hojjetu tokko hin jiru;

tokkumti iyyuu hin jiru.

4 Warri hammina hojjetan

kanneen akkuma waan buddeena nyaataniitti saba koo nyaatan,

warri Rabbii Allaah hin waammanne hundinuu homaa hin beekanii?

5 Isaan sodaadhaan liqimfamaniiru;

Allaahan dhaloota qajeeltotaa wajjin jiraatii.

6 Isin jalʼoonni karoora hiyyeeyyii jalaa fashaleessitu;

Rabbii Allaahan garuu daʼoo isaanii ti.

7 Maaloo utuu Xiyoon keessaa fayyinni Israaʼeliif dhufee!

Yommuu Rabbii Allaahan saba isaa warra boojiʼaman deebisutti,

Yaaʼikuub haa ililchu; Israaʼelis haa gammadu!

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também