Publicidade

Salmos 76

Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa Ribuutiin. Zabuurii Asaaf.

1 Yihuudaa keessatti Allaahan beekamaa dha;

maqaan isaas Israaʼel keessatti guddaa dha.

2 Dunkaanni isaa Saalem keessa,

iddoon jireenya isaa Xiyoon keessa jira.

3 Innis achitti xiyya bobaʼuu fi gaachana, goraadee fi

meeshaawwan waraanaa caccabse.

4 Ati ifa uffattee miidhagdeerta;

ati tulluuwwan bara baraa caalaa Surra qabeessa.

5 Gootonni boojiʼamaniiru;

hirribaanis fudhatamaniiru;

duultota keessaas namni tokko iyyuu

harka sochoofachuu hin dandeenye.

6 Yaa Allaah Yaaʼikuub, ifannaa keetiin fardeenii

fi warri fardeen yaabbatan of wallaalaniiru.

7 Siʼi qofatu sodaatamuu qaba.

Yommuu ati aartu eenyutu fuula kee dura dhaabachuu dandaʼaa?

8 Ati shamaayʼun irraa murtii kennite;

laftis ni sodaatte; ni calʼiftes;

9 yaa Allaah, wanni kunis yommuu ati murtii kennuudhaaf,

rakkattoota biyyattii fayyisuuf kaatetti taʼe.

10 Dheekkamsi ati namatti dheekkamtu dhugumaan ulfina siif fida;

warra dheekkamsa kee irraa hafanis ni hidhatta.

11 Rabbii Allaah keessaniif wareegaa; wareegichas guuttadhaa;

warri naannoo isaa jiraatan hundinuus

Allaah sodaatamuu qabu sanaaf kennaawwan haa fidan.

12 Inni hafuura bulchitootaa ni cabsa;

mootonni lafaas isa sodaatu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-