1 Rabbii Allaah, Daawudii fi
rakkina inni obse hundumaa yaadadhu.
2 Inni kakuu tokko Rabbii Allaahaf kakatee
Allaah Yaaʼikuub Jabaa sanaaf akkana jedhee wareege:
3 "Ani mana koo ol hin seenu;
yookaan siree kootti ol hin baʼu.
4 Ani ija kootiif hirriba,
baallee ija kootiitiif immoo mugaatii hin eeyyamu;
5 kunis hamma ani Rabbii Allaahaf iddoo argutti,
Allaah Yaaʼikuub Jabaa sanaaf iddoo jireenyaa argutti."
6 Kunoo, Efraataatti waaʼee isaa dhageenye;
Yaaʼaarittis isa arganne:
7 "Kottaa iddoo jireenya isaa dhaqnaa;
ejjeta miilla isaa jalattis kufnee waaqeffannaa.
8 ‘Rabbii Allaah kaʼiitii, gara iddoo boqonnaa keetii kottu;
atii fi taabonni jabina keetiis kottaa.
9 Luboonni kee qajeelummaa haa uffatan;
qulqulloonni kees gammachuudhaan haa faarfatan.’ "
10 Sababii garbicha kee Daawudiif jedhiitii,
dibamaa kee hin gatin.
11 Rabbii Allaahan akkana jedhee kakuu dhugaa tokko Daawudiif kakateera;
inni kakuu kana irraa duubatti hin deebiʼu:
"Ani ilmaan kee keessaa isa tokko teessoo kee irra nan teessisa;
12 yoo ilmaan kee kakuu koo fi seera ani isaan barsiisu eegan,
ilmaan isaaniis akkasuma bara baraa hamma bara baraatti teessoo kee irra ni taaʼu."
13 Rabbii Allaahan Xiyoonin filateeraatii;
akka isheen iddoo jireenya isaa taatus fedhee akkana jedheera:
14 "Kun bara baraa hamma bara baraatti iddoo jireenyaa koo ti;
kanas ani waanan fedheef, as nan jiraadha.
15 Ani waan hundaan ishee nan eebbisa;
hiyyeeyyii ishee illee buddeena nan quubsa.
16 Luboota isheetti fayyina nan uffisa;
qulqulloonni ishees gammachuudhaan ni faarfatu.
17 "Ani achitti akka gaanfi tokko Daawudiif biqilu nan godha;
dibamaa koofis ibsaa qopheesseera.
18 Diinota isaatti qaanii nan uffisa;
gonfoon mataa isaa irraa garuu ni ifa."