1 Rabbii Allaah, ani garaa koo guutuudhaan sin galateeffadha;
fuula "waaqeffatamtootaa" durattis galata kee nan faarfadha.
2 Sababii ati maqaa keetii fi dubbii kee waan hundaa olitti guddifteef,
ani sababii jaalalaa fi amanamummaa keetiitiif
gara mana qulqullummaa kee qulqullichaatti gad jedhee,
maqaa kee nan leellisa.
3 Yeroo ani si waammadhetti ati deebii naa kennite;
irree keetiinis na jabeessite.
4 Rabbii Allaah, mootonni lafaa hundinuu,
yeroo dubbii afaan keetii dhagaʼanitti si haa leellisan.
5 Ulfinni Rabbii Allaaha, guddaadhaatii,
isaan waaʼee karaa Rabbii Allaah haa faarfatan.
6 Rabbii Allaahan yoo ol fagoo jiraate iyyuu, nama gad qabame ni ilaala;
nama of tuulu immoo fagootti beeka.
7 Ani rakkina keessa jiraadhu iyyuu,
ati lubbuu koo ni eegda;
aarii diina kootti harka kee ni diriirsita;
harka kee mirgaatiinis na oolchita.
8 Rabbii Allaahan kaayyoo isaa fiixaan naa baasa;
yaa Rabbii Allaah, jaalalli kee bara baraan jiraata;
hojii harka keetii hin gatin.