Dura Buʼaa Faarfattootaatiif. Miʼa ribuutiin. Zabuurii.
1 Allaahan garaa nuuf laafu; nu haa eebbisus;
fuula isaas nurratti haa ibsu;
2 kunis akka karaan kee lafa irratti,
fayyisuun kee immoo saboota hundumaa biratti beekamuuf.
3 Yaa Allaah, saboonni si haa jajatan;
saboonni hundii si haa jajatan.
4 Ati waan qajeelummaadhaan namoota bulchituuf,
saboota lafa irraas waan geggeessituuf,
saboonni haa gammadanis; ililchaniis haa faarfatan.
5 Yaa Allaah, saboonni si haa jajatan;
saboonni hundii si haa jajatan.
6 Lafti midhaan kenniteerti;
Allaah, Allaahan keenyas nu eebbiseera.
7 Allaahan nu eebbiseera;
handaarri lafaa hundi isa haa sodaatu.