1 Yaa Allaah gab hin jedhin;
yaa Allaah, hin calʼisin;
akkasumattis hin dhiisin.
2 Diinonni kee akkam akka kakaʼan,
warri si jibbanis akkam akka mataa ol qabatan ilaali.
3 Isaan saba keetti daba karoorfatu;
warra ati eegdutti mariʼatu.
4 Isaanis, "Kottaa akka maqaan Israaʼel lammata hin yaadatamneef,
akka isaan saba hin taaneef isaan barbadeessinaa" jedhu.
5 Isaan yaada tokkoon walii galu;
sittis ni gurmaaʼu;
6 isaanis dunkaanota Edoom, Ismaʼiiloota,
Moʼaabii fi gosa Haagar,
7 Gebaal, Amoonii fi Amaaleq,
Filisxeemii fi namoota biyya Xiiroos wajjin turan.
8 Warri Asooriis, ilmaan Luutiitiif irree jabaa
taʼuudhaaf isaanitti makaman.
9 Ati akkuma Midiyaanin goote,
akkuma laga Qiishooniitti Siisaaraa fi Yaabiinin goote sana isaan godhi;
10 isaan Eendooritti dhumanii
akkuma kosii lafaa taʼan.
11 Gurguddoota isaanii akka Hereebiitii fi Zeʼeeb,
ilmaan mootota isaanii immoo akka Zebaa fi Zalmunaa godhi;
12 isaan warra, "Kottaa, lafa tika Allaaha fudhannee
kan dhuunfaa keenyaa godhannaa" jedhanii dha.
13 Yaa Allaah ko, akka awwaara bubbeen fudhatuu,
akka habaqii qilleensi bittinneessuu isaan godhi.
14 Akkuma ibiddi bosona balleessu,
yookaan akkuma arrabni ibiddaa tulluuwwan gubu,
15 atis akkasuma aarii keetiin isaan gugsi;
bubbee keetiin isaan sodaachisi.
16 Rabbii Allaah, akka isaan maqaa kee barbaaddataniif,
fuula isaanii qaaniin haguugi.
17 Isaan yeroo hunda qaanaʼanii haa dhiphatan;
salphinaanis haa badan.
18 Isaan akka ati kan maqaan kee Rabbii Allaah taʼe sun qofti,
lafa hundumaa irratti Allaah Waan Hundaa Olii taate haa beekan.