Publicidade

Salmos 47

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Ilmaan Qooraahi.

1 Isin saboonni hundinuu harka keessan rukutaa;

sagalee ol fudhadhaatii gammachuudhaan Allaahaf ililchaa.

2 Rabbii Allaah Waan Hundaa Olii,

Mootichi guddaan lafa hundumaa, sodaachisaadhaatii!

3 Inni saboota nu jala,

namootas miilla keenya jala galcheera.

4 Innis nu warra Yaaʼikuub isa inni jaallate sanaaf ulfina taaneef,

dhaala keenya nuu fileera.

5 Allaahan ililleedhaan, Rabbii Allaahan sagalee

malakataatiin ol baʼe.

6 Faarfannaa galataa Allaahaf faarfadhaa;

Faarfannaa galataa faarfadhaa;

Faarfannaa galataa Mootii keenyaaf faarfadhaa;

Faarfannaa galataa faarfadhaa.

7 Allaahan Mootii lafa hundaa ti;

Faarfannaa galataa hubannaadhaan faarfadhaa.

8 Allaahan saboota irratti Mootii dha;

Allaahan teessoo isaa qulqulluu irra taaʼeera.

9 Qondaaltonni sabootaa,

akkuma saba Allaah Ibraahimitti walitti qabamu;

mootonni lafa irraa kan Allaahatii;

innis guddisee ol ol jedheera.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-