1 Yaa nama jabaa nana, ati maaliif hamminaan koorta?
Ati namni fuula Allaaha duratti tuffatamtu,
maaliif guyyaa guutuu koorta?
2 Ati namni nama gowwoomsitu,
arrabni kee badiisa qopheessa;
arrabni kee akkuma qarabaa qaramee ti.
3 Ati waan gaarii irra waan hamaa jaallatta;
dhugaa dubbachuu irra immoo soba dubbachuu jaallatta.
4 Yaa arraba gowwoomsituu nana,
ati dubbii nama miidhu hunda jaallatta.
5 Kanaafuu Allaahan bara baraan si balleessa:
Inni dunkaana kee keessaa butee si ciccira;
biyya jiraattotaa keessaas si buqqisa.
6 Qajeeltonni waan kana arganii sodaatan;
isaanis akkana jedhanii isatti kolfan;
7 "Kunoo, namicha Allaah daʼoo isaa hin godhatin,
qooda kanaa immoo baayʼina qabeenya isaa amanatee
jalʼina ofiitti ciche!"
8 Ani garuu akkuma ejersa
mana Allaaha keessatti lalisuu ti;
baraa hamma bara baraattis, jaalala Allaaha kan
hin geeddaramne sana nan amanadha.
9 Sababii ati waan kana gooteef
ani bara baraan sin galateeffadha;
sababii maqaan kee gaarii taʼeef ani maqaa kee nan abdadha.
Fuula qulqulloota kee durattis sin leellisa.