1 Yaa Allaah koo Mooticha, ani sin leellisa;
bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan galateeffadha.
2 Ani guyyuma guyyaan sin galateeffadha;
bara baraa hamma bara baraattis maqaa kee nan leellisa.
3 Rabbii Allaahan guddaa dha; galateeffamuunis baayʼee malaaf;
guddina isaa qoratanii itti baʼuun hin dandaʼamu.
4 Dhaloonni tokko dhaloota biraatti hojii kee ni hima;
hojiiwwan kee jajjaboos ni labsa.
5 Isaanis waaʼee miidhagina ulfina qabeessa surraa kee sanaa ni dubbatu;
anis waaʼee hojii kee dinqisiisaa sanaa irra deddeebiʼee itti nan yaada.
6 Isaan waaʼee hojii kee sodaachisaa sanaa ni odeessu;
anis guddina kee nan labsa.
7 Isaan yaadannoo gaarummaa keetii baayʼisanii odeessu;
waaʼee qajeelummaa keetiis ililchanii faarfatu.
8 Rabbii Allaahan arjaa fi gara laafessa;
inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
9 Rabbii Allaahan, nama hundaaf gaarii dha;
inni waan uume hundaaf garaa ni laafa.
10 Rabbii Allaah, hojiin kee hundinuu si galateeffata;
qulqulloonni kees si leellisu.
11 Isaan waaʼee ulfina mootummaa keetii ni odeessu;
waaʼee humna keetiis ni dubbatu;
12 kunis akka namoonni hundi hojii kee humna qabeessa,
surraa ulfina qabeessa mootummaa kee sanaas beekaniif.
13 Mootummaan kee mootummaa bara baraa ti;
bulchiinsi kees dhalootaa gara dhalootaatti darba.
Rabbii Allaahan dubbii isaa hundaan amanamaa dha;
hojii isaa hundaanis arjaa dha.
14 Rabbii Allaahan warra kufan hunda ol qaba;
warra gad qabaman hundas ni kaasa.
15 Iji nama hundaa si eeggata;
atis yeroo barbaachisutti nyaata isaaniif ni kennita.
16 Ati harka kee balʼiftee
fedhii warra lubbuu qaban hundaa ni guutta.
17 Rabbii Allaahan karaa isaa hundaan qajeelaa dha;
hojii isaa hundaanis arjaa dha.
18 Rabbii Allaahan warra isa waammatan hundatti,
warra dhugaadhaan isa waammatan hundatti dhiʼoo dha.
19 Inni fedhii warra isa sodaatanii ni guuta;
duʼaa isaanis dhagaʼee isaan oolcha.
20 Rabbii Allaahan warra isa jaallatan hunda ni eega;
jalʼoota hunda garuu ni balleessa.
21 Afaan koo Rabbii Allaah galateeffachuudhaan ni dubbata.
Uumamni hundinuu maqaa isaa qulqulluu sana
bara baraa hamma bara baraatti haa eebbisu.