1 Rabbii Allaah, galateeffachuun, yaa Allaah Waan Hundaa Olii,
maqaa keetiif faarfachuun gaarii dha.
2 Jaalala kee ganamaan,
amanamummaa kees halkaniin labsuun,
3 kiraara ribuu kudhaniitiin,
sagalee baganaatiinis labsuun gaarii dha.
4 Rabbii Allaah, ati hojii keetiin na gammachiiftaatii;
ani sababii hojii harka keetiitiif gammachuudhaan nan faarfadha.
5 Rabbii Allaah, hojiin kee akkam guddaa dha;
yaadni kees akkam gad fagoo dha!
6 Namni qalbii hin qabne waan kana beekuu hin dandaʼu;
gowwaanis hin hubatu;
7 hamoonni yoo akkuma margaa biqilan iyyuu,
jalʼoonni hundinuus yoo daraaran iyyuu,
isaan bara baraan ni barbadaaʼu.
8 Rabbii Allaah, ati garuu bara baraan ol ol jetta.
9 Rabbii Allaah, kunoo diinota kee,
kunoo diinonni kee ni badu;
warri jalʼina hojjetan hundinuus ni bittinneeffamu.
10 Ati gaanfa koo akka gaanfa gafarsaa ol ol qabde;
zayitii haaraa natti dhangalaafte.
11 Iji koo moʼatamuu diinota koo argeera;
gurri koos badiisa jalʼoota natti kaʼanii dhagaʼeera.
12 Qajeeltonni akkuma muka meexxii ni dagaagu;
akkuma birbirsa Libaanoonitti ni guddatu;
13 isaan mana Rabbii Allaah keessa dhaabamanii jiru;
oobdii Allaah keenyaa keessattis itti tolee misanii jiran.
14 Isaan amma iyyuu bara dullumaa keessa ija naqatu;
gabbataniis dagaaganii jiraatu.
15 Isaanis, "Rabbii Allaahan tolaa dha; inni Kattaa koo ti;
hamminni isa keessa hin jiru" jedhanii labsu.