1 Yaa Allaah, duʼaa koo dhagaʼi;
waammata koo jalaas hin didin.
2 Na dhagaʼiitii deebii naa kenni;
komiin koo na dhiphisa; anis nagaa dhabeera.
3 Sagalee diinaatiin,
cunqursa namoota hamoos dhufe;
isaan dhiphina natti fiduutii;
aariidhaanis na jibbu.
4 Lapheen koo na keessatti dhiphatte;
sodaan duʼaas na qabate.
5 Sodaa fi hollannaan natti dhufeera;
naasuunis na fudhateera.
6 Anis akkana nan jedhe; "Utuu ani akkuma gugee qoochoo qabaadhee!
Silaa asii barrisee nan boqodhan ture.
7 Silaa fagootti baqadhee
gammoojjii keessa nan bubbula ture;
8 silaa bubbee hamaa fi qilleensa jabaa irraa fagaadhee
gara iddoo boqonnaa kootti nan ariifadhan ture."
9 Yaa Gooftaa, namoota hamoo burjaajessi;
dubbii isaaniis waliin dhaʼi;
ani magaalaa keessatti goolii fi lola argeeraatii.
10 Isaan halkanii guyyaa ol baʼanii dallaa ishee irra naannaʼu;
jalʼinnii fi rakkinni ishee keessa jira.
11 Ishee keessa badiisatu jira;
nama cunqursuu fi gowwoomsuun daandii ishee irraa hin dhabamu.
12 Utuu diinni na arrabsee,
silaa obsuu nan dandaʼa ture;
utuu amajaajiin natti kaʼee,
silaa jalaa dhokachuu nan dandaʼa ture.
13 Garuu siʼi namuma akka kootii,
hiriyaa koo, michuu koo kan natti dhiʼaatutu waan kana godhe.
14 Tokkummaadhaan mana Allaaha walii wajjin deemne;
haasaa miʼaawaas walii wajjin haasofne.
15 Duuti tasa isaanitti haa dhufu;
utuma lubbuudhaan jiranuu siiʼool keessa haa buʼan;
hamminni mana isaaniitii fi garaa isaanii keessa jiraattii.
16 Ani garuu Allaah nan waammadha;
Rabbii Allaahanis jalaa na baasa.
17 Ani galgala, ganamaa fi waareetti dhiphinaan nan iyya;
innis sagalee koo ni dhagaʼa.
18 Yoo namni baayʼeen anaan morme illee,
inni waraana natti kaʼe jalaa miidhaa malee na baasa.
19 Allaahan inni durumaa jalqabee teessoo irra jiru sun,
Namoota karaa isaanii hin geeddaranne,
kanneen Allaah hin sodaanne ni dhagaʼa;
isaan qaanessas.
20 Hiriyaan koo michoota isaatti harka isaa ol fudhate;
kakuu isaa illee ni cabse.
21 Dubbiin isaa akkuma dhadhaa ti; nama hin quuqu;
garaa isaa keessa garuu lolatu jira;
dubbiin isaa zayitii caalaa lallaafa;
garuu goraadee luqqifamee dha.
22 Yaaddoo kee Rabbii Allaahatti kennadhu;
inni si jiraachisa;
namni qajeelaan akka jeqamus hin godhu.
23 Yaa Allaah, ati garuu
namoota hamoo boolla badiisaa keessa ni buufta;
warri dhiiga dhangalaasanii fi gowwoomsitoonni,
walakkaa bara jireenya isaanii iyyuu hin jiraatan.
Ani garuu sin amanadha.