Pular para o conteúdo
Publicidade

Zabuuriiwwan 11

Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

1 Ani Rabbii Allaahatti kooluu galeera.

Yoos isin akkamitti lubbuu kootiin akkana jechuu dandeessu:

"Ati akkuma simbirroo tulluu keetti barrisi.

2 Kunoo namoonni hamoon iddaa isaanii dabsataniiru;

isaan warra toloota taʼan,

dukkana keessa waraanuuf jedhanii,

xiyya isaanii ribuutti dhaabbataniiru.

3 Yoo hundeewwan diigaman, namni qajeelaan

maal gochuu dandaʼa?"

4 Rabbii Allaahan mana qulqullummaa isaa qulqulluu sana keessa jira;

teessoon Rabbii Allaah shamaayʼun irra jira.

Inni ilmaan namootaa ni ilaala;

iji isaas namoota ni qora.

5 Rabbii Allaahan qajeeltotaa fi jalʼoota ni qora;

lubbuun isaa garuu nama goolii jaallatu ni jibbiti.

6 Inni hamoota irratti, barbadaa ibiddaatii fi

dinyii bobaʼu ni roobsa;

qoodni isaaniis bubbee finiinaa dha.

7 Rabbii Allaahan waan qajeelaa taʼeef,

murtii qajeelaa jaallata;

toloonnis fuula isaa ni argu.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também