1 Kottaa Rabbii Allaahaf faarfannaa;
Kattaa fayyina keenyaatiifis ni ililchinaa.
2 Galataan fuula isaa duratti haa dhiʼaannu;
faarfannaadhaanis isa haa leellifnu.
3 Rabbii Allaahan, Allaah guddaadhaatii;
inni waaqeffatamtoota hundaa olitti Mootii guddaa dha.
4 Qileewwan lafaa harka isaa keessa jiru;
fiixeewwan tulluus kan isaa ti.
5 Galaanni kan isaa ti; isatu hojjeteetii;
lafa gogaa illee harka isaatu uume.
6 Kottaa gad jennee sagadnaa;
Uumaa keenya Rabbii Allaah duratti ni jilbeenfannaa;
7 inni Allaah keenyaatii;
nu immoo saba eegumsa isaa jala jirruu dha;
bushaayee harka isaa keessa jiruudhas.
Isin harʼa yoo sagalee isaa dhageessan,
8 akka Mariibaatti gootan sana,
akka gaafa gammoojjii keessatti Maasaatti gootan sanaa mataa hin jabaatinaa;
9 abbootiin keessan utuma hojii koo arganuu,
achitti qoranii na ilaalan.
10 Dhaloota sanatti ani waggaa afurtama nan dheekkame;
anis, "Isaan saba garaan isaanii karaa irraa jalʼatee dha;
isaan karaa koo hin beekne" nan jedheen.
11 Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin,
"Isaan boqonnaa kootti hin galan" jedhee kakadhe.