1 Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.
2 Sabni Israaʼel, "Jaalalli isaa
bara baraan jiraata" haa jedhu.
3 Manni Haaruunis,
"Jaalalli isaa bara baraan jiraata" haa jedhu.
4 Warri Rabbii Allaah sodaatan,
"Jaalalli isaa bara baraan jiraata" haa jedhan.
5 Dhiphina koo keessatti ani Rabbii Allaahatti nan iyyadhe;
innis deebii naa kenne; iddoo balʼaas na qubachiise.
6 Rabbii Allaahan na wajjin jira; ani hin sodaadhu;
namni maal na gochuu dandaʼa?
7 Rabbii Allaahan na wajjin jira; inni gargaaraa koo ti.
Anis diinota koo nan moʼadha.
8 Nama amanachuu irra,
Rabbii Allaahatti kooluu galuu wayya.
9 Qondaaltota amanachuu irra,
Rabbii Allaahatti kooluu galuu wayya.
10 Saboonni hundinuu na marsan;
ani garuu maqaa Rabbii Allaahatiin isaan nan barbadeesse.
11 Isaan karaa hundaan na marsan;
ani garuu maqaa Rabbii Allaahatiin isaan nan barbadeesse.
12 Akkuma tuuta kanniisaa na marsan;
garuu akka qoraattii gubatuutti barbadaaʼan;
anis maqaa Rabbii Allaahatiin isaan nan barbadeesse.
13 Ani dhiibamee kufuu gaʼeen ture;
Rabbii Allaahan garuu na gargaare.
14 Rabbii Allaahan jabina kootii fi faarfannaa koo ti;
inni fayyina koo taʼeera.
15 Sagaleen gammachuutii fi moʼannaa dunkaanota
qajeeltotaa keessaa ni dhagaʼama;
"Harki Rabbii Allaah kan mirgaa waan jabaa hojjeteera!
16 Harki Rabbii Allaah kan mirgaa ol qabameera;
harki Rabbii Allaah mirgaa waan jabaa hojjeteera!"
17 Ani nan jiraadha malee hin duʼu;
waan Rabbii Allaahan hojjetes nan labsa.
18 Rabbii Allaahan jabeessee na adabeera;
garuu dabarsee duʼatti na hin kennine.
19 Karra qajeelummaa naa banaa;
anis ol galee Rabbii Allaahaf galata nan galcha.
20 Kun karra Rabbii Allaaha,
kan qajeeltonni ittiin ol galanii dha.
21 Ati deebii naa kenniteertaatii, ani sin galateeffadha;
ati fayyina naa taateerta.
22 Dhagaan ijaartonni tuffatan,
dhagaa golee taʼeera;
23 Rabbii Allaahan waan kana hojjeteera;
kunis ija keenyatti dinqii dha.
24 Guyyaan kun guyyaa Rabbii Allaah uumee dha;
kottaa ni ililchina; itti gammannas.
25 Rabbii Allaah, si duʼaa nu oolchi;
Rabbii Allaah, si duʼaa nu milkoomsi.
26 Kan maqaa Rabbii Allaahatiin dhufu eebbifamaa dha.
Nu mana Rabbii Allaah keessaa isin eebbifna.
27 Rabbii Allaahan Allaaha dha;
ifa isaas nuu irratti ibseera.
Dameewwan harkatti qabadhaatii warra ayyaaneffachuu dhaqanitti makamaa;
gara gaanfawwan iddoo aarsaas dhaqaa.
28 Ati Allaah koo ti; ani sin galateeffadha;
ati Allaah koo ti; anis sin leellisa.
29 Rabbii Allaahaf galata galchaa; inni gaariidhaatii;
jaalalli isaa bara baraan jiraata.