Publicidade

Salmos 48

Weedduu. Zabuurii Ilmaan Qooraahi.

1 Magaalaa Allaah keenyaa keessatti,

tulluu isaa qulqulluu irrattis, Rabbii Allaahan guddaa dha;

waan hundaa olittis galanni isaaf mala.

2 Tulluun Xiyoon gara kaabaatti argama;

dheerina isaatiinis ni bareeda.

Innis gammachuu addunyaa hundaa ti;

magaalaa Mooticha Guddaatis.

3 Allaahan daʼannoo ishee keessa jira;

inni daʼannoo ishee taʼuu isaa argisiiseera.

4 Mootonni humna walitti daratanii

tokkummaadhaan itti qajeelan.

5 Isaanis ishee arganii dinqifatan;

sodaataniis baqatan.

6 Achittis akkuma muddama dubartii ciniinsifattuutti,

hollannaan isaan qabate.

7 Atis bubbee baʼa biiftuutiin

dooniiwwan Tarshiish caccabsite.

8 Akkuma dhageenye sana,

magaalaa Rabbii Allaah Waan Hunda Dandaʼuu keessatti,

magaalaa Allaah keenyaa keessatti, akkasuma argineerra;

Allaahan bara baraan jabeessee ishee dhaaba.

9 Yaa Allaah, nu mana qulqullummaa kee keessatti,

jaalala kee kan hin geeddaramne sana irra deddeebinee yaadna.

10 Yaa Allaah, galanni kee akkuma maqaa keetii

handaara lafaa gaʼa;

harki kee mirgaas qajeelummaan guutameera.

11 Sababii murtii keetiitiif,

Tulluun Xiyoon haa gammaddu;

intallan Yihuudaas haa ililchan.

12 Xiyoon irra naannaʼaa; naannoo ishee irras adeemaa;

gamoowwan ishees lakkaaʼaa.

13 Dhaloota itti aanutti akka himtaniif,

dallaa eegumsa ishee sirriitti hubadhaa;

galma ishees ilaalaa.

14 Allaahan kun bara baraa hamma bara baraatti Allaah keenyaatii;

inni hamma dhumaatti illee nu qajeelcha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-