Publicidade

Salmos 143

Zabuurii Daawud.

1 Rabbii Allaah, duʼaa koo naa dhagaʼi;

gurra kees gara waammata kootiitti deebisi;

amanamummaa fi

qajeelummaa keetiin, na gargaari.

2 Ati garbicha kee murtiitti hin dhiʼeessin;

namni lubbuun jiraatu kam iyyuu fuula kee duratti qajeelaa mitiitii.

3 Diinni lubbuu koo ariʼachaa jiraatii;

jireenya koos butuchee biyyootti make.

Akkuma warra dur duʼaniittis

dukkana keessa na jiraachiseera.

4 Kanaafuu hafuurri koo na keessatti gaggabeera;

onneen koos na keessatti rifatteerti.

5 Ani guyyoota durii nan yaadadha;

waan ati hojjette hundas irra deddeebiʼee nan yaada;

waan harki kee hojjete illee nan heda.

6 Harka koo gara keetti nan diriirfadha;

lubbuun koos akkuma lafa gogaa si dheebotti.

7 Rabbii Allaah, dafii deebii naa kenni;

hafuurri koo dadhabeera.

Fuula kee na duraa hin dhoksin

yookaan ani akka warra boolla buʼanii nan taʼa.

8 Ani waanan si amanadheef,

akka ani ganama ganama oduu jaalala keetii dhagaʼu godhi.

Ani lubbuu koo gara keetti ol nan kaasaatii,

karaa ani irra deemuu qabu natti argisiisi.

9 Rabbii Allaah, ani akka ati na dhoksituuf sitti nan baqadhaatii,

diinota koo jalaa na baasi.

10 Ati sababii Allaah koo taateef,

akka ani fedhii kee guutu na barsiisi;

hafuurri kee gaariin sun

karaa wal qixxee irra na haa qajeelchu.

11 Rabbii Allaah, maqaa keetii jedhiitii lubbuu koo jiraachisi;

qajeelummaa keetiinis rakkina keessaa na baasi.

12 Ati sababii na jaallattuuf diinota koo fixi;

waan ani garbicha kee taʼeef,

warra na cunqursan hunda barbadeessi.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-