Pular para o conteúdo
Publicidade

Zabuuriiwwan 4

Dura buʼaa Faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud kan Baganaadhaan Faarfatamu.

1 Yaa Allaah qajeelumma kootii,

yommuu ani si waammadhutti deebii naa kenni.

Ati yeroo rakkina kootti na boqochiisi;

araara kee naa buusi; duʼaa koos dhagaʼi.

2 Yaa ilmaan namootaa, isin hamma yoomiitti ulfina koo gara salphinaatti deebiftu?

Isin hamma yoomiitti waan faayidaa hin qabne jaallattanii soba barbaaddu?

3 Isin akka Rabbii Allaahan warra isaaf bulan ofii isaatiif addaan baafate beekaa;

Rabbii Allaahan yommuu ani isa waammadhutti na dhagaʼa.

4 Yeroo aartanitti cubbuu hin hojjetinaa;

yommuu siree keessan irra jirtanitti,

garaa keessan keessatti yaadaa; calʼisaas.

5 Aarsaa qajeelummaa dhiʼeessaa;

Rabbii Allaahas amanadhaa.

6 Namoonni, "Eenyutu waan gaarii nu argi argisiisa?" jedhan baayʼee dha;

yaa Rabbii Allaah, ifni fuula keetii nurratti haa ifu.

7 Gammachuu isaan yeroo midhaanii fi daadhiin wayinii isaanii baayʼatutti argatan caalaa,

ati garaa koo gammachuu guddaadhaan guutteerta.

8 Ani nagaadhaan nan ciisa; nan rafas;

yaa Rabbii Allaah si qofatu,

sodaa malee na jiraachisaatii.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também