Publicidade

Salmos 8

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud kan Gitiitiidhaan faarfatamu.

1 Rabbii Allaah Gooftaa keenya,

maqaan kee lafa hundatti akkam ulfina qabeessa!

Ati ulfina kee

shamaayʼuniiwwan irratti diriirsiteerta.

2 Sababii diinota keetiitiif, amajaajii fi nama haaloo baafatu

afaan qabachiisuuf jettee, afaan daaʼimmaniitii fi

mucoolii harma hodhanii irraa galata qopheessiteerta.

3 Yommuu ani hojii quba keetii,

shamaayʼuniiwwan kee,

jiʼaa fi urjiiwwan ati hundeessitee ilaalutti,

4 akka ati isaaf yaadduuf namni maali?

Akka isaaf dhimmituuf ilmi namaa maali?

5 Ati xinnoo ishee ofii keetii gad isa goote;

ulfinaa fi kabajaan isa gonfite.

6 Hojii harka keetii irratti bulchaa isa goote;

waan hundas miilla isaa jala galchite;

7 bushaayee fi loon hunda,

bineensota bosonaas,

8 simbirroota shamaayʼun irraa, qurxummii galaanaa,

waan daandii galaanaatiin darbu

hundas miilla isaa jala galchite.

9 Rabbii Allaah Gooftaa keenya,

maqaan kee lafa hundumaa irratti akkam ulfina qabeessa!

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-