Publicidade

Salmos 148

1 Haalleluuyaa.

Shamaayʼuniiwwan irraa Rabbii Allaah galateeffadhaa;

ol gubbaatti isa galateeffadhaa.

2 malaʼikkoonni isaa hundinuu isa galateeffadhaa;

raayyaan isaa hundinuus isa galateeffadhaa.

3 Aduu fi jiʼi isa galateeffadhaa;

urjiiwwan ibsitan hundinuus isa galateeffadhaa.

4 Shamaayʼuniiwwan shamaayʼun isa galateeffadhaa;

bishaanonni shamaayʼuniin ol jirtanis isa galateeffadhaa.

5 Isaan maqaa Rabbii Allaah haa galateeffatan;

inni ajajnaan, isaan uumamaniitii.

6 Inni bara baraa hamma bara baraatti isaan dhaabeera;

seera hin geeddaramnes isaaniif kenneera.

7 Uumamawwan galaanaatii fi tuujubawwan hundi,

lafa irraa Rabbii Allaah galateeffadhaa;

8 bakakkaa fi dhagaan cabbii, cabbii fi duumessi,

bubbeen jabaan ajaja isaa raawwatan,

9 tulluuwwanii fi gaarran hundinuu,

mukkeen ija naqatanii fi birbirsi hundinuu,

10 bineensonnii fi loon hundinuu,

uumamawwan xixinnoo fi simbirroonni barrisan,

11 mootonni lafaatii fi saboonni hundinuu,

ilmaan moototaatii fi bulchitoonni lafaa hundinuu,

12 dargaggoonnii fi shamarran,

jaarsolii fi daaʼimman isa galateeffadhaa.

13 Maqaan isaa qofti ol ol jedheeraatii,

isaan maqaa Rabbii Allaah haa galateeffatan;

ulfinni isaas lafaa fi shamaayʼuniiwwanii ol jira.

14 Inni saba isaatiif gaanfa ol kaaseera;

kunis qulqulloota isaa hundaaf,

saba Israaʼel warra isatti dhiʼoo jiran hundaaf ulfina.

Haalleluuyaa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-