Publicidade

Salmos 94

1 Rabbii Allaah, Allaah haaloo baaftu,

Yaa Allaah haaloo baaftu, ifii mulʼadhu.

2 Yaa Abbaa Murtii lafa kanaa kaʼi;

of tuultotaaf illee waan isaanii malu kenni.

3 Rabbii Allaah, hamma yoomiitti warri hamoon,

warri hamoon hamma yoomiitti burraaqu?

4 Isaan dubbii of tuulummaa gad roobsu;

jalʼoonni hundinuu of dhiibuudhaan guutaman.

5 Rabbii Allaah, isaan saba kee miidhu;

handhuuraa kees ni hacuucu.

6 Haadha hiyyeessaatii fi keessummaa ni gorraʼu;

ijoollee abbaa hin qabnes ni ajjeesu.

7 Isaan, "Rabbii Allaah hin argu;

Allaahan Yaaʼikuub hin qalbeeffatu" jedhu.

8 Warri saba keessaa raatoftan mee hubadhaa;

isin warri gowwoonni yoom ogeeyyii taatu?

9 Inni gurra uume sun hin dhagaʼuu?

Inni ija uume hin argu?

10 Inni saboota sirreessu sun hin adabuu?

Inni nama barsiisu sun beekumsa hin qabuu?

11 Rabbii Allaahan yaada namaa beeka;

akka yaadni namaa faayidaa hin qabnes ni beeka.

12 Rabbii Allaah, namni ati adabdu,

namni ati seera kee irraa barsiiftu eebbifamaa dha;

13 hamma hamootaaf boolli qotamutti,

guyyaa rakkinaatti ati boqonnaa kennitaaf.

14 Rabbii Allaahan saba isaa hin gatuutii;

inni akkana illee jedhee handhuuraa ofii isaa hin dhiisu.

15 Murtiin qajeelummaa irratti hundeeffama;

toloonni hundinuus isa faana buʼu.

16 Eenyutu hamootatti naa kaʼa?

Eenyutu na cina dhaabatee warra jalʼina hojjetaniin morma?

17 Utuu Rabbii Allaahan na gargaaruu baatee,

silaa yoona lubbuun koo boolla duʼaa keessa jirti.

18 Rabbii Allaah yeroo ani, "Miilli koo mucucaateera" jedhetti,

araarri kee ol qabee na dhaabe.

19 Yommuu yaaddoon natti baayʼatetti,

jajjabeessuun kee lubbuu koo gammachiise.

20 Bulchitoonni hamoon, warri seeratti fayyadamanii jalʼina hojjetan

si wajjin tokkummaa qabaachuu dandaʼuu?

21 Isaan tokkummaadhaan nama qajeelaatti kaʼanii

nama yakka hin qabnetti duʼa muru.

22 Rabbii Allaahan garuu daʼoo,

Allaahan koos, kattaa ani itti baqadhu naa taʼeera.

23 Inni gatii cubbuu isaanii isaanumatti deebisa;

sababii hammina isaaniitiif illee isaan balleessa;

Rabbii Allaahan keenya isaan barbadeessa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-