Pular para o conteúdo
Publicidade

Zabuuriiwwan 150

1 Haalleluuyaa.

Mana qulqullummaa isaa keessatti Allaah galateeffadhaa;

shamaayʼuniiwwan isaa humna qabeeyyii keessattis isa galateeffadhaa.

2 Hojiiwwan isaa jajjaboo sanaaf isa leellisaa;

guddina isaa hamma hin qabne sanaaf isa leellisaa.

3 Malakata afuufuudhaan isa galateeffadhaa;

baganaa fi kiraaraan isa galateeffadhaa;

4 dibbeedhaan shuubbisaatii isa jajadhaa;

miʼa ribuutii fi ululleedhaan isa jajadhaa.

5 Kilillee sagalee qabuun isa jajadhaa;

kilillee sagalee guddaatiin isa jajadhaa.

6 Wanni hafuura baafatu hundinuu Rabbii Allaah haa jajatu.

Haalleluuyaa.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também