1 Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah eebbisi;
keessi namummaa koo hundi maqaa isaa qulqulluu sana eebbisaa.
2 Yaa lubbuu koo Rabbii Allaah eebbisi;
tola isaa hundas hin irraanfatin.
3 Inni cubbuu kee hundumaa siif dhiisa;
dhukkuba kee hundumaa ni fayyisa;
4 jireenya kee boolla irraa ni baraara;
jaalalaa fi gara laafinaan si gonfa;
5 akka dargaggummaan kee akkuma risaa haaromfamuufis,
inni fedhii kee waan gaariidhaan ni guuta.
6 Rabbii Allaahan warra cunqurfaman
hundaaf qajeelummaa fi murtii qajeelaa kenna.
7 Inni karaa isaa Muusaatti,
hojii isaa immoo saba Israaʼelitti beeksise.
8 Rabbii Allaahan gara laafessaa fi arjaa dha;
inni aaruuf hin ariifatu; jaalalli isaas baayʼee dha.
9 Inni yeroo hunda hin dheekkamu;
aarii isaa illee bara baraan hin kuufatu;
10 inni akka cubbuu keenyaatti nu hin adabne;
yookaan akka balleessaa keenyaatti nuuf hin deebifne.
11 Akkuma shamaayʼuniiwwan lafa irraa ol fagaatan sana,
jaalalli inni warra isa sodaataniif qabu akkasuma guddaa dha;
12 akkuma baʼi biiftuu lixa biiftuu irraa fagaatu,
akkasuma inni balleessaa keenya nurraa haqeera.
13 Akkuma abbaan ijoollee isaatiif garaa laafu,
Rabbii Allaahan warra isa sodaataniif garaa ni laafa;
14 inni akka nu itti uumamne ni beekaatii;
akka nu biyyoo taanes ni yaadata.
15 Barri namaa akkuma margaa ti;
akka abaaboo dirrees ni misa;
16 inni yeroo bubbeen itti bubbisutti ni bada;
iddoon isaas deebiʼee isa hin yaadatu.
17 Jaalalli Rabbii Allaah garuu bara baraa hamma bara baraatti
warra isa sodaatan wajjin ni jiraata;
qajeelummaan isaa immoo ijoollee ijoollee isaaniitti darba;
18 warra kakuu isaa eeganitti,
warra ajaja isaatti buluu yaadatanittis ni darba.
19 Rabbii Allaahan teessoo isaa shamaayʼun keessa dhaabbateera;
mootummaan isaas waan hunda bulcha.
20 Isin malaʼikkoonni isaa, warri ajaja isaa eegdan jajjaboon,
warri dubbii isaatiif ajajamtanis Rabbii Allaah eebbisaa.
21 Raayyaan isaa hundinuu, isin tajaajiltoonni isaa
warri fedhii isaa guuttan Rabbii Allaah eebbisaa.
22 Uumamawwan bulchiinsa isaa
jala lafa hunda jirtan hundi Rabbii Allaah eebbisaa.
Yaa lubbuu ko, Rabbii Allaah eebbisi.