1 Rabbii Allaah aarii keetiin na hin ifatin;
yookaan dheekkamsa keetiin na hin adabin.
2 Naa gameeraatii yaa Rabbii Allaah naaf araarami;
lafeen koos jeeqameeraatii yaa Rabbii Allaah na fayyisi.
3 Lubbuun koo akka malee jeeqameera;
kun hamma yoomiitti? Rabbii Allaah, hamma yoomiitti?
4 Rabbii Allaah, deebiʼiitii lubbuu koo oolchi;
araara keetiif jedhiitii na fayyisi.
5 Namni duʼe si hin yaadatu.
Siiʼool keessatti eenyutu si galateeffata?
6 Ani aaduu kootiin bututeera.
Halkan hunda booʼichaan siree koo nan dhiqa;
imimmaaniinis iddoo ciisichaa koo nan tortorsa.
7 Iji koo gaddaan fajajeera;
sababii diinota koo hundaatiifis dadhabeera.
8 Warri hamaa hojjettan hundinuu narraa fagaadhaa;
Rabbii Allaahan sagalee booʼicha koo dhagaʼeeraatii.
9 Rabbii Allaahan waammata koo dhagaʼeera;
Rabbii Allaahan duʼaa koo ni fudhata.
10 Diinonni koo hundinuu haa qaanaʼan; akka malees haa rifatan;
qaanii tasaatiinis of irra haa garagalan.