Publicidade

Salmos 46

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Ilmaan Qooraahi. Haala Alaamootiitiin.

1 Allaahan daʼoo fi jabina keenya;

inni gargaarsa yeroo hunda rakkina keessatti nu wajjin jiruu dha.

2 Kanaafuu yoo lafti raafamtee

tulluuwwanis garaa galaanaa keessa gadi buʼan iyyuu nu hin sodaannu.

3 Utuu bishaan isaas huursee hoomachaaʼee

tulluuwwanis raafama isaatiin sochoʼan iyyuu nu hin sodaannu.

4 Lagni yaaʼaan isaa magaalaa Allaaha gammachiisu

kan iddoo qulqulluu Allaahan Waan Hundaa Olii jiraatuuf gammachuu kennu tokko jira.

5 Allaahan magaalattii keessa jira; isheenis hin raafamtu;

ganama barii Allaahan ishee gargaara.

6 Saboonni ni raafaman; mootummoonnis ni kufan;

inni sagalee isaa dhageessise; laftis ni baqxe.

7 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira;

Allaahan Yaaʼikuub daʼoo keenya.

8 Kottaa, hojii Rabbii Allaah ilaalaa;

badiisa inni lafa irratti fides argaa.

9 Inni hamma handaara lafaatti waraana ni balleessa;

iddaa ni cabsa; eeboo ni burkuteessa;

gaachanas ibiddaan guba.

10 "Calʼisaa; akka ani Allaah taʼes beekaa;

ani saboota gidduutti ol ol nan jedha;

lafa irrattis ol ol nan jedha."

11 Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu nu wajjin jira;

Allaahan Yaaʼikuub daʼoo keenya.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-