Publicidade

Salmos 137

1 Nu yeroo Xiyoonin yaadannetti,

lageen Baabilon bira teenyee boonye.

2 Achittis kiraara keenya

muka alaltuutti fannifne;

3 achitti warri nu boojiʼan faarfannaa, warri nu dhiphisanis,

"Zabuuriiwwan Xiyoon keessaa tokko nuu faarfadhaa!"

jedhanii akka nu faarfannaa gammachuu isaaniif faarfannu nu gaafatan.

4 Nu utuu biyya ormaa jirruu,

akkamitti faarfannaa Rabbii Allaah faarfachuu dandeenya?

5 Yaa Yerusaalem, yoo ani si irraanfadhe,

harki koo mirgaa ogummaa isaa haa irraanfatu.

6 Yoo ani si yaadachuu baadhe,

yoo ani gammachuu koo guddichaa olitti

Yerusaalemin ilaaluu baadhe,

arrabni koo laagaa kootti haa maxxanu.

7 Rabbii Allaah, waan warri Edoom

gaafa Yerusaalem diigamte jedhan sana yaadadhu;

isaanis, "Ishee diigaa!

Hamma hundee isheetti ishee diigaa!" jedhanii iyyan.

8 Yaa intala Baabilon, kan baduudhaaf qophoofte,

inni waan ati nu goote sanaaf,

gatii kee siif kennu eebbifamaa dha.

9 Inni daaʼimman kee qabee

dhagaa irratti caccabsu sun eebbifamaa dha.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_18-40-07-