Publicidade

Salmos 32

Zabuurii Daawud. Maskiil.

1 Namni yakki isaa dhiifameef,

kan cubbuun isaas haguugameef,

eebbifamaa dha.

2 Namni Rabbii Allaahan cubbuu itti hin lakkoofne,

kan hafuura isaa keessas gowwoomsaan hin jirre,

eebbifamaa dha.

3 Yeroo ani cubbuu koo himachuu dhiisetti,

guyyaa guutuu aaduu kootiin,

lafeen koo ni bosose.

4 Harki kee halkanii fi guyyaa natti ulfaateeraatii;

jabinni koos akkuma waan hoʼa bonaatiin taʼuutti xuuxame.

5 Ergasiis cubbuu koo sitti nan himadhe;

balleessaa koos si hin dhokfanne.

Anis, "Irra daddarba koo, Rabbii Allaahatti nan himadha" nan jedhe;

atis yakka cubbuu kootii, naa dhiifteerta.

6 Kanaafuu namni amanamaan kam iyyuu,

yeroo ati itti argamtutti si duratti duʼaa haa godhatu;

lolaan bishaan guddaas isa bira hin gaʼu.

7 Ati iddoo ani itti dhokadhuu dha;

rakkina irraa na eegda;

faarfannaa moʼannaatiinis na marsita.

8 Ani karaa ati irra deemtu irratti sin qajeelcha; sin barsiisas;

ani ija koo jaalalaatiin sin ilaalaa; sin gorsa.

9 Isin akka farda yookaan gaangoo

hubannaa hin qabnee hin taʼinaa;

isaan yoo luugamaa fi fuuloodhaan qabaman malee

gara kee hin dhufan.

10 Dhiphinni namoota hamoo baayʼee dha;

araarri Rabbii Allaah garuu nama isa amanatu ni marsa.

11 Yaa qajeeltota, isin Rabbii Allaahatti gammadaa; ililchaas;

warri garaa qulqulluu qabdan hundinuu ililchaa.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-16_06-50-08-