Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.
1 Rabbii Allaah, hamma yoomiitti?
Ati hamma bara baraatti na irraanfattaa?
Hamma yoomiittis fuula kee na duraa dhoksita?
2 Ani hamma yoomiittin rakkina obsee
guyyaa guutuu garaa koo keessatti gadda?
Hamma yoomiitti diinni koo narra aana?
3 Yaa Rabbii Allaah ko, na ilaali; deebii illee naa kenni.
Akka ani hirriba duʼaa hin rafneefis ija kootiif ifa kenni;
4 diinni koo, "Ani isa moʼadheera" jedha;
amajaajiiwwan koos kufaatii kootti gammadu.
5 Ani garuu araara kee nan amanadha;
garaan koos fayyisuu keetti ni gammada.
6 Ani Rabbii Allaahaf nan faarfadha;
arjummaan isaa naa baayʼateeraatii.