Publicidade

Salmos 65

Dura buʼaa faarfattootaatiif. Zabuurii Daawud.

1 Yaa Allaah, Xiyoon keessatti galatatu si eeggata;

wareegni keenyas siif galfama.

2 Yaa isa duʼaa namaa dhageessu,

namni hundinuu gara kee ni dhufa.

3 Yeroo cubbuun na moʼattetti,

ati yakka keenya nuu dhiifteerta.

4 Warri ati filattee akka isaan qeʼee kee jiraataniif

ofitti dhiʼeessite eebbifamoo dha!

Nus waan gaarii mana keetiitiin,

kan mana qulqullummaa keetiitiinis ni quufna.

5 Yaa Allaah Fayyisaa keenya,

ati hojii qajeelummaa sodaachisaadhaan deebii nuu kennita;

daarii lafaa hundumaaf,

galaana fagootti argamuufis ati abdii dha;

6 ati humna uffatteerta;

jabina keetiinis tulluuwwan hundeessite;

7 ati huursaa galaanaa,

huursaa dhaʼaa bishaanii,

raafama uummataas ni calʼisiifte.

8 Warri fagoo jiraatan dinqiiwwan kee ni sodaatu;

ati yeroo bariʼuu fi yeroo dhiʼutti,

akka faarfannaan gammachuu faarfatamu ni goota.

9 Ati lafa ni eegda; bishaanis ni obaafta;

akka malees ni gabbifta;

akka namootaaf midhaan kennaniifis

lageen Allaaha bishaaniin guutamaniiru;

ati kanumaaf qopheessiteertaatii.

10 Boʼoo isaa bishaan quubsita;

biyyoo isaas wal qixxeessita;

tiifuu bokkaatiinis ni jiifta;

biqila isaas ni eebbifta.

11 Gaarummaa keetiin bara ni gonfita;

daandiiwwan kees cooma coccobsu.

12 Lafti margaa kan gammoojjii akka malee misa;

gaarranis gammachuudhaan guutamu.

13 Dirreewwan bushaayeedhaan guutamu;

sululoonni midhaaniin haguugamu;

isaanis ililleedhaan iyyanii faarfatu.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-15_21-32-39-