1 Rabbii Allaah jabina ko, ani sin jaalladha.
2 Rabbii Allaahan kattaa koo, daʼannoo kootii fi oolchaa koo ti;
Allaahan koo kattaa koo kan ani kooluu itti galuu dha;
inni gaachana kootii fi gaanfa fayyina koo ti; daʼannoo koo cimaa dha.
3 Ani Rabbii Allaah galanni isaaf malu sana nan waammadha;
diinota koo jalaas nan baraarama.
4 Funyoon duʼaa na xaxe;
lolaan badiisaas na liqimseera.
5 Funyoon siiʼool natti marame;
kiyyoon duʼaas natti dhufe.
6 Ani dhiphina koo keessatti Rabbii Allaah nan waammadhe;
gargaarsaafis Allaah kootti nan iyyadhe.
Innis mana qulqullummaa isaatii sagalee koo dhagaʼe;
iyyi koos gurra isaa seene.
7 Lafti ni hollatte; ni sochootes;
hundeewwan tulluuwwaniis ni raafaman;
sababii inni dheekkameefis isaan ni hollatan.
8 Aarri funyaan isaatii ol baʼe;
ibiddi waa barbadeessu afaan isaatii baʼe;
cileen bobaʼus afaan isaatii baʼe.
9 Inni shamaayʼuniiwwan tarsaasee gad buʼe;
duumessoonni gurraachis miilla isaa jala turan.
10 Inni kiirubeelin yaabbatee barrise;
qoochoo qilleensaatiinis ol baʼe.
11 Inni dukkana haguuggii isaa, duumessa shamaayʼun kan
bokkaadhaan dukkanaaʼe immoo godoo isaa godhate.
12 Ifa fuula isaa keessaas duumessi dhagaa cabbiitii fi
bakakkaadhaan tarsaasee baʼe.
13 Rabbii Allaahan shamaayʼuniidhaa ni qaqawweessaʼe;
sagaleen Allaah Waan Hundaa Oliis ni dhagaʼame.
14 Inni xiyya isaa darbatee diinota bittinneesse;
bakakkaas gad dhiisee isaan fixe.
15 Rabbii Allaah, dheekkamsa keetiin,
humna hafuura funyaan keetii baʼuutiinis,
sululawwan galaanaa ifatti baafaman;
hundeewwan lafaas qullaa hafan.
16 Inni ol gubbaadhaa gad hiixatee na qabe;
bishaanota gad fagoo keessaas na baase.
17 Inni diina koo isa jabaa jalaa, amajaajota koo
warra akka malee natti ciman jalaas na baase.
18 Isaan guyyaa rakkina kootti natti dhufan;
Rabbii Allaahan garuu gargaarsa koo ture.
19 Inni iddoo balʼaatti na baase;
waan natti gammadeefis na oolche.
20 Rabbii Allaahan akkuma qajeelummaa kootiitti naa kenneera;
akkuma qulqullina harka koottis na badhaase.
21 Ani karaa Rabbii Allaah eegeeraatii;
Allaah koo irraa garagalee hammina hin hojjenne.
22 Seerri isaa hundinuu fuula koo dura jira;
anis labsii isaa irraa hin gorre.
23 Ani fuula isaa duratti mudaa hin qabu ture;
cubbuu irraas of eeggadheera.
24 Rabbii Allaahan akkuma qajeelumma kootti,
akkuma harki koo fuula isaa duratti qulqulluu taʼettis na badhaaseera.
25 Ati nama amanamaatti amanamummaa kee argisiifta;
nama mudaa hin qabnettis kan mudaa hin qabne taata.
26 Nama qulqulluutti qulqulluu taata;
nama jalʼaatti immoo jalʼaa taata.
27 Ati warra gad of qaban ni oolchita;
ija of tuulu garuu gad deebifta.
28 Rabbii Allaah ati ibsaa koo jabeessitee ni ibsita;
Allaahan koo dukkana koo ifatti ni geeddara.
29 Ani gargaarsa keetiin loltoota dhiibbadhee nan deema;
Allaah kootiinis dallaa utaaluu nan dandaʼa.
30 Allaah kana karaan isaa mudaa hin qabu;
dubbiin Rabbii Allaah hirʼina hin qabu;
warra isatti kooluu galan hundaaf Rabbii Allaahan gaachana taʼa.
31 Rabbii Allaah malee Allaahan eenyu?
Allaah keenya malees kattaan eenyu?
32 Kan humna na hidhachiisu,
kan akka karaan koos nagaa taʼu godhu Allaaha.
33 Inni miilla koo akka miilla borofaa godha;
iddoo ol dheeraa irras na dhaabachiisa.
34 Inni harka koo waraanaaf leenjisa;
irreen koos iddaa naasii dabsuu ni dandaʼa.
35 Ati gargaarsa kee kan nama fayyisu gaachana naaf goota;
harki kee mirgaa ol na qabeera;
gargaarsi kees nama guddaa na godhe.
36 Akka koomeen koo hin mucucaanneef,
miilla kootiif daandii balʼifteerta.
37 Ani diinota koo ariʼee nan qaqqabadhe;
hamma isaan barbadaaʼanittis ani duubatti hin deebine.
38 Ani akka isaan deebiʼanii kaʼuu hin dandeenyeef isaan nan barbadeesse;
isaanis miilla koo jalatti ni kufan.
39 Ati lolaaf humna na hidhachiifte;
amajaajota koos fuula koo duratti gad deebifte.
40 Akka diinonni koo dugda duubatti deebiʼanii baqatan gooteerta;
anis amajaajota koo barbadeesseera.
41 Isaan gargaarsaaf iyyan; garuu kan isaan oolchu tokko iyyuu hin turre;
gara Rabbii Allaahattis ni iyyatan; inni garuu deebii hin kennineef.
42 Anis akkuma awwaara bubbeen fudhatuutti isaan nan daake;
akkuma dhoqqee daandii irraatti isaan nan dhidhiite.
43 Ati lola namootaa jalaa na baafteerta;
mataa sabootaa na gooteerta;
sabni ani hin beekne na tajaajila.
44 Namoonni ormaa na sossobatan;
isaan akkuma waaʼee koo dhagaʼaniin naaf ajajaman.
45 Isaan hundi abdii kutatan;
hollachaas daʼannoo isaanii jabaa keessaa baʼan.
46 Rabbii Allaahan jiraataa dha! Kattaan koo haa eebbifamu!
Allaahan Fayyisaan koo ol ol haa jedhu!
47 Inni Allaah haaloo naa baasu,
kan sabootas na jalatti bulchuu dha;
48 diinota koo jalaas na baasa.
Ati amajaajota kootii ol na goota;
gooltota jalaas na baafte.
49 Kanaafuu yaa Rabbii Allaah, ani saboota gidduutti sin leellisa;
zabuurii galataa illee maqaa keetiif nan faarfadha.
50 Inni moʼannaawwan gurguddaa mootii isaatiif ni kenna;
dibamaa isaa Daawudii fi sanyii isaatiif,
jaalala bara baraa ni argisiisa.